Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraatti Nageenya Dargaggoota Faannoodhan Butaman Jedhamanii Ilaalchisee Yaaddoo Hamaa Keessa Jiraachuu Maatiin Isaanii Dubbatan


FAAYILII - Laalibalaa, Naannoo Amaaraa, Waxabajjii 25, 2022.
FAAYILII - Laalibalaa, Naannoo Amaaraa, Waxabajjii 25, 2022.

Dargaggoonni bulchiinsaa kibba Ityoophiyaa irraa gara naannoo Beenshaangul Gumuzitti hojiidhaaf deemman, naannoo Amaraa godinaa Goojjam bahaa keessatti butamanii fudhatamuun isaanii erga ibsamee boodaa maatiiwwan isaanii yaaddoo irraa akka jiran ibsanii jiru.

Dargaggoonni kun hojii hidha laga abbaayaatiif bosona akka ciraniif bulchiinsaa kibbaa Ityoophiyaa godinaal Gaardulaa fi anaa Allee keessaa kan filataman ta’uu isaaniifi wixataa turban wixata kaleessaa guraandala 18 bara 2016 akka garaa Beebshaangul Gumuzitti imalan kan ibsan maatiwwaan isaanii, ittu bakka adeemaa jiran hin ga’in naannoo Amaaraa godina Goojjam bahaa keessaatti kaarra irra butamuu isaanii akka miidiyaa hawaasaa irraa baruu danda’an himanii jiru.

Dargaggoonoii hojii bosonaa ciruutiif barbaadamanii kan garas deemaa turan 275 akka ta’an kan VOA dhaf ibsan bulchaan godina Gaardullaa obbo Birhaanuu Kinoonoo, dargagoonii sun godina gaardulaa anaa Daraashee fi Alee keesaa kan filataman akka ta’e ibsaniiru.

Akka bulchaan godinichaa dabalanii ibsanitti dargaggootaa kana kan qacare dhaabbataa Ijaarsaa fi daldalaa dhuunfaa Nikootikaa jedhamuu fi kan dhaabbataa umnaa Elektirrikaa Ityoophiyaa wajjin hojjatuudhaa.

Sagaleen Amerikaa kan haasofsiisuuf yaalee miseensii hoggansa dhaabbataa dhuunfaa kanaa erga deebii kennuudhaaf tole jedhanii boodaa yaalii bilbilaan deebisamee taasifameef deebii hin kennine.

Dhaabbataa umnaa elektiriikaa Ityoophiyaatti darekteera komunikeshiinii kan ta’an obbo Moges Mekonnin dhimichii dhaabbata umna Elektiriika Ityoophiyaa wajjin waan walqabatu akka hin taanee ibsuu isaanii Hawaasa irraa kan gabaasee Yoonaatan Zebdiyoos, waajjira poolisii godina Goojjam bahaa irraa dhimichaa ilaachisuudhaan ibsaa argachuuf yaaliin taasifame akka hin milkoofnee ibsera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG