Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Yunaayitid Isteetis Kaleessa Galgala Misaaheloota Garee Hutii Yemen Keessaarratti Haleellaa Raaw’achuu Isaa Beeksise


FAAYILII - Milishoota Hutii Sana'aa keessatti, Yaman
FAAYILII - Milishoota Hutii Sana'aa keessatti, Yaman

Ajajjinni waraanaa Yunaayitid isteets inni walakessaa akka beeksisetti haleellaan kun kan xiyyeeffate misaa’elootaa farra dooniiwwanii akaakuu Kiruuz jedhamuun beekaman lama irratti yemmuu ta’u, sababa misaa’elootaa kanaatiin kan ka’ee sochiin dooniiwwan daladalaa galaanaa Dimaa fi sulula galaanaa Eden yaaddoo keessa seenee jira.

Haleellaan kun kan raawwatamee ergaa gareen huutti doonii fe’isaa galaanaa diimaa irraa imalaa ture irratti aggaamii halaallaa raawwatee sa’aatii muraasa booda akka ta’e ibsameeraa. Haleellaan huutti kun kan aggaamammee doonii malattoo Laayibeeriyaa of irraa qabuufi fe’isaa Israa’elii wajjin hidhata qabu kan fe’ee ta’uu isaa kan ibse dhaabbannii nageenyaa galaanaa kan biyyaa Biriiteen haleellaan doonichaa irratti raawwatee buufataa doonii Eden irraa garaa kibbaaba haatti fageenyaa kiiloomeetirii 170 irratti.

Haleellaa Kanaan midhaan namootaa irraa gahee akka hin jire kan ibse dhaabanii Biriiteen kun dooniichii garaa buufataa itti anutti imalaa akka jirus ibseera.

Dhaabbannii kominikeshiinii adduunyaa Hoong koong irraa akka ibsetti, sababa haleellaa galaana diimaa irratti raawwachaa jiruu Kanaan kan ka’e, sararrii Interneetaa fi Telekomunikeshiinii galaana diimaa jala deriirfamee midhaan waan irra gaheef tajaajilti isaa ykn tansaasinii daataa dhibeentaa 25 gadii bu’uu danda’era.

sarara communikeshiinii galaana jalaa kana irra miidhaa qaqqabeera jidhamee kessaa akka harka hin qabnee Sanbata darbe kan ibsee gareen huutti, gochiichaa raawwtan Yunaayitid Isteets fi Biriiteen jechuun himachuun isa gabaasameera.

Gareen Iraaniin degeramufi kan biyya yemen keessatti argamu huutiin lola Gaazaa keessatti Isiraa’eliif Hamaas giduutti taasifamaa jiru sababeeffachuudhaan haleellaa galaana irraa kana kan jalqabe yemmuu ta’u, amma Israa’el lola garee Paalastayiin irratti taasisaa jirtu hin dhaabnetti haleellaa isaa akka itti fufu beeksisuun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG