Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Heyitii Keessatti Kashlabboonni Hidhatan Kaleessa Iddoowwan Mootummaa Ijoo Tahan Haleelluu fi Buufata Xayyaaraa Cufuun Himame


FAAYILII - Hiriraa mormii poolisii duraanii mootummaa irratti waame, Heyitii, Fulbaana. 19, 2023.
FAAYILII - Hiriraa mormii poolisii duraanii mootummaa irratti waame, Heyitii, Fulbaana. 19, 2023.

Heeyitii keessaa kashlabboonni hidhannoo hedduu qaban haleellaa boodana iddoowwan mootummaa ijoo irratti geggeessaniin mana hidhaa biyyattii guddoo keessaa hidhamtoonni akka miliqan taasisuu dhabalatee Wixata kaleessaa buufata xiyyaaraa sadarkaa addunyaa guddicha kan Heeyitii to’achuuf yaalanii jiran. Ennaa haleellaan kun geggeessametti buufati xayyaara sadarkaa addunyaa Toussaint Louveture cufaa ture, xayyaarri hojii irra hin turre, imaltoonnis bakka sana hin turre.

Gaazxiseessonni AP fi hojjettooni kanneen biroon rasaasaan rukutamuu jalaa ennaa miliqan konkoklaataan waraanaa tokko ennaa kashlabbootatti dhukaasu ijaan arganiiru. Seenaa buufata xayyaara Haayitii keessatti haleellaa isa guddicha raawwatame.

Torban darbe buufati xayyaarichaa haleellaa kashlabboota kanaan hanga tokko rasaasaan rukutamee ture, garuu kashlabboonni buufata xayyaarichaa seenuus qabachuun hin dandeenye.

Haleellaan kun kan raawwatame xumura torbanii kashlabboonni kun mana hidhaa guddicha lama seenuu dhaan hidhamtoota kumaan laka’aman akka miliqan taasisan hordofee uggura sa’aa labsanii sa’aatilee hanga tokko booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG