Yakka Jeequmsa kakaasuutiin shakkamaniiru jedhamuun to’annaa jala kan oolfamaniiran Qondaalli dhaaba Adda bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa turtii guyyoota 13’f mana hidhaa kan jiran manni murtii wabii birrii Kuma 100 qabsdiisuun dhimma isaanii alarraan hordoafachuu akka danda’an murteessuus hanga ammaa mana hidhaatii osoo hin gdhiifamiin akka jiran Abukaatoon isaanii obbo Boonaa Yaazoo.
Maatiin maamila isaanii maallaqa mirga wabiif gaafatame erga kaffalanii booda waraqaa mana murtii Poolisiif dhiyyeessanis Poolisiin gama isaan guyyaa booriitti ol iyyannoo gaafachuun mana murtittii dhiyyeessuuf akka jiru ibsuun mana hidhaarraa akka hin gadhiisne himanii , guyyaa booritti ol iyyannoon irratti gaafatamuu isaafis hanga ammaatti waraqaan waamichaas ta’e kan himannaa maamila isaanii Obbo Batteef akka hin kennamne Obbo Boonaan sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Obbo Battee Urgeessaa qondaalli dhaaba Adda bilisummaa Oromoo Kamisa gaafa Guraandhala 14 bara 2016 tti gaazexeessaa Antuwaan Gaalindoo lammii Faraansaay kan Afiriikaa Intelejeensiif hojjetuu waliin Finfinnee hoteela Iskaay Laayiinnitti gaaffii fi deebii osoo taasisaa jiranii namoota uuffata siiviilii uufataniin to’annaa jala oolfaman yeroo sadiif mana murtiitti dhiyyatanii dhimma isaanii hordofaa turaniiru.Jalqaba yommuu to’annaa jala oolfaman Icitii biyyaa dabarsanii kennuudhaan akka shakkaman itti himamus boodarra yommuu mana murtiitti dhiyaatanimmoo Shanee fi Faannoon akkamitti Finfinneerraatti jeequmsaa kaasuu akka danda’anirratti tarsiimoo baasaniiru jedhamuun himannaan kan irratti jdhiyyaate jedhan Abukaatoon obbo Battee, Boonaa Yaazoo.
Roobiii kaleessaa yeroo sadaffaaf mana murtii sadarkaa duraa Finfinnee dhaddacha Booleetti beellamaan kan dhiyyaatan Obbo Batteen poolisiin qorannoo dabalataaf guyyoota 14 irrratti gaafatus manni murtichaa himannaa Abukaatoon isaanii dhiyyeesaniin bitaa fi mirga ilaaluun mirgi wabii isaanii akka eegamu murteesseeraaf ture. Gaazexeessaan lammii Faraansaay Obbo Battee waliin to’annaa jala oolfame Atuwaan Gaalindii torbaan har’aa hidhaarraa hiikamuun gara biyya isaatti deebifamuun isaa ni yaadatama.
Forum