Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Misaa’elaa Humnoonni Hutii Roobii Kaleessaa Doonii Daldalaa Tokkorratti Raaw’ataniin Hojjettoonni Doonichaa Sadii Ajjeefaman


Dooni bishaanin oggaa liqimsamu mullatu, Yaman, Bitootessa 7, 2024.
Dooni bishaanin oggaa liqimsamu mullatu, Yaman, Bitootessa 7, 2024.

Haleellaa humnoonni Hutii kanneen Iraaniin deeggaramu jedhaman Roobii kaleessaa Galoo galaana Adeen irratti doonii daldalaa tokko irratti raawwataniin namoonni sadii yommuu du’an kanneen lubbuun hafanimmoo doonii sana dhiisanii akka baafaman taasifamuu humni Galaanarraa kan Hindii ifoomseera. Viidiyoo humni galaanarraa Hindii gadhiise akka agarsiisutti miseensonni hojjettoota dooniichaa kanneen rakkoo keessa seenan heliikoptarii fi bidiruudhaan yommuu baraaraman kan agarsiisudha.

Dooniin Alaabaa Barbadoos ofirraa qabuu fi qabeenyummaan isaa kan Laayibeeriyaa kan ta’e fe’isa guddaa kan ofirraa qabu toora galaanarraa murteessaa ta’e kan Eeshiyaa, baha gidduu galeessaa fi Awurooppaa kan wal quunnamsiisurratti halleellaan raawwate kun geejiba doonii Addunyaa jeeqeera jedhameera.

Gidduu galli ajaja humna waraanaa Yuunaayitid Isteetsi akka jedhetti Misaa’elli farra doonii, Yeman naannoo garee Hutiin to’atameerurraa furguggifame doonii kana rukkutuu mirkaneessee balaa guddaa geessiseeraas jedheera. Kana malees miseensonni hojjettota doonicha keessa turanii sadii du’uu fi Afur madaa’uu ibsee , warra madaa’an keessaa sadii haala yaaddeessaa keessa jirus jedheera.

Ji’a Sadaasaa darbeerraa kaasee gareen Hutii haleellaa dooniiwwan daldalaa Idil Addunyaarratti haleellaa raawwachuu kan jalqaban yommuu ta’u gochaa isaanii kanas dhaabsiisuuf Yuunaayitid Isteetsi ji’a Amajjiirraa jalqabee tarkaanfii qilleensarraa garee kanarratti fudhattus halleellaa gareen kun dooniiwwan Galaana diimaarra imalan irratti fudhachaa jiru dhaabsisuu hin dandeenye.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG