Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden haasawaa waggaa kan biyyooleessaa – kan bara filannoo marroo lammataaf dorgomaa jiranii kamiisa har’a taasisan keessatti aala dinagdee, mirga wal-hormaataa, dhimma godaansaa yokaan immigireeshinii, fi walitti bu’iinsa Yukireen fi Gaazaa irratti dubbatu jedhamee eegama.
Garuu prezidaantiin ganna 81 kun carraa kana fayyadamuun, marsaa lammaffaaf filatamuuf qaamaanis ta’e sammuudhaan haala gaarii irra akka jiran bakka itti agarsiisan tahas, jedhama. Kana Ilaalchisee Aniitaa Paawal Waayit Haawus irraa gabaaste Jaallannee tu dubbisa.
Forum