Haasawa biiyyoolessaa ka waggaa prezidaant Joo Baayiden dhageessisaniif agama paartii Ripuubilikaaniitii deebii kennan bakka-buutuu mana-maree murtii seeraa kan kutaa Alabaamaa Seenaatar Keetii Birit gama isaaniin, “yeroo bulchiinsa Baayideen keessa Nageenyi biyya keenyaa gadi bu’eera” jedhanii mul’anni Ameerikaa gadi bu’insa sodaachisaatti jijjiirameera. Haalli biyyattii dadhabee akka jiru kan amanan Senaatarichi dhimmi daangaa karaa Kibbaarratti xiyyeeffannoo bal’aa kennanii dubbataniiru. Baayidan kan fudhatan daangaa akkaan jabaa ture kan jedhan Biriit Ajajoota Baayiden baasan 94’n balaa nutti affeeraniirus jedhan. Imaammanni dhimma daangaa Baayiden qaaneessadha kan jedhan Biriit qorichoota araada nama qabsiisaniif samuu adoochan babal’isuun ajjeechaawwanii fi yakkoonni akka baay’atan taasisuun imaammata Baayiden jechuun dubbataniiru.
“Dinagdeen lammiilee Ameerikaatti ulfaatee jira. Ameerikaanonni idea baankii guddaa tu irra jira. Humni waa bituu maallaqa keenyaa dadhabeera,” jedhan.
“Giddu-galeessa Bahaa keessatti Ameerikaanonni miidhamaa jiru, Prezidaant Baayiden hooggansa kennaa hin jiran, Lammiwwan Ameerikaa of gaafadhaa. Haala waggoota sadii dura ture irraa haala wayyaawe keessa jirtuu?” jedhan – Seneetar Birit.
Itti fufuudhaanis “Ameerikaan ammaan duras qoramtee turte። Dhalootni seenaa dabran keessa turan qormaata isaanitti dhufe mo’atanii dabran. Dhaloonni ammaas qormaataalee itti dhufan ni injifata,” jedhan.
Kan umuriin waggaa 42 fi mana-maree murtii seeraa keessatti miseensa Rippaabilikaanii alfii kan ta’an Seneetar Keetii Birit haasawa isaanii ennaa xumuranis, “Biyyi keenya amma haala kanatti ka jirtu taheyyuu, guyyoonni kana irra wayyaawoo tahan dhufuuf jiran,” jedhanii jiru.
Forum