Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoole Tigraayii fi Amaaraa Keessatti Caasaaleen Tajaajila Fayyaa Irra Jireessi Tajaajila Kennaa Akka Hin Jirre Gabaasame


FAAYILII - Hospitaala Dasee, naannooo Amaaraa
FAAYILII - Hospitaala Dasee, naannooo Amaaraa

Dhaabbileen fayyaa Tigraay keessa jiran hunda keessaa harkii 3 qofti akkasumas bulchiinsa naannoo Amaaraatti ammoo walakkaan qofti kan hojjetan ta’uu Proojeektiin Hope jedhamu kan dhaabbata fayyaa fi faayinaansii addunyaa beeksisee jira.

Haalli kunis, hawaasa hedduu, keessattuu kanneen achuuma biyya ofii keessatti manaa fi qe’e isaanii irraa godaanan,tajaajiila fayyaa jireenyaaf murteessaa ta’e akka hin argannee taasiseera jedheera.

Jaarmayaa kanaaf Daarektarri kutaaAfrikaa Isteevan Neerii sagalee Amerikaaf akka himanitti, keessumattuu naannoo Amaaraa bakka walitti bu’iinsi itti fufee jiru keessatti, buufatni sakatta’iinsaa nageenyaa jiran, sochii fi dhiyeessii jiru gufachiisaa jira. Bulchiinsi naannoo Tigraay lakkoofsa Pirojektii Hope caqasee dhugaa ta’u isaa mirkaneessee jira jechuun Keeneedii Abaataa Finfinnee irraa gabaase jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG