Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-Maree Bulchiinsa Godinaa Gaardullaa Waa'ee Namoota Godichaa 246 Faannoon Butaman Jedhamanii Yaaddoo Qabaachuu Ibse

FAAYILII - Magaala Bahir Daar, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Bahir Daar, Naannoo Amaaraa

Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti, Manni-maree bulchiinsa godinaa Gaardullaa waa’ee namoota nagaa godinichaa 246 hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho’aniin butamanii fudhatamanii kan isa yaaddesse, jechuun ibsa baasee jira.

Gochaan raaw’atame gaddisiisaa fi waan saafuudhaa alaa ti, jedha - ibsi manichi maree godinaa Gaardullaa baase kun. Godinaa Alee, bulchiinsi aanaa naannoo Alees gama isaatiin, namoota butaman jedhame sana keessa 38 namoota gosa Alee tahuu beeksisee jira.

Maatiileen namoota butaman sanaas, sagalee namoota isaanii butamanii hanga ammaatti dhaga’uu dhabuun guyyaa dhaa guyyaatti akka isaan yaaddessaa jiru Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Kan Sagaleen Ameerikaa bilbilaan dubbise dubbise, garee Faannootti Ajajaa Duula Goojjam tahuu isaanii kan dubbatan Ajajaa Dhibbaa Abbebee Sewmehon, waraanni isaanii dargaggoota jedhaman sana to’annaa jala oolchuu isaa ibsee, garuu “Namoota nagaa bosona ciruuf deeman otuu hin taane loltoota raayyaa ittisaa fi miseensota milishaa ti,” jedhan – jechuun Yonaataan Zebdiyoos gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG