Walqixxummaa saalaa ilaalchisee jijjiiramni akka godhamu kan gaafatan yoo ta’u kunis kan har’a sadarkaa addunyaatti kabajamee, guyyaa dubartoota sababaa gochuun yeroo hiriiranti ture.
Magaalaa Sool Giddugaleessa keessatti dubartoonni dhibbaan lakkaa'aman dhaadannoolee, barreeffamoota adda addaa fi alaabaa qabatanii daandii irra taa'anii jiran.
"Yeroo filannootti dhimmi walqixxummaan saalaa dhabamuu fi dhimmoonni dubartootaan walqabatan hedduu irratti mari'achuun akka danda'amuuf as jirra," jedhan barreessituu olaantuun kan Waldaalee Tokkummaa Dubartoota Kooriyaa.
Hiriirtoonni kunneen bulchiinsi Kooriyaa Kibbaa amma jiru walqixxummaa saalaa madaaluuf hojii gahaa hin hojjenne jechuun akka fudhatama hin qabnee dhageessisaa kan turan yoo ta’u, ummanni Kooriyaa Kibbaa filannoo dhufu irratti kaadhimamaa fi dhaabbilee siyaasaa mirga dubartootaaf falman akka filatu dhaamaniiru.
Kana malees mootummaan walqixxummaa galii dhiiraa fi dubartoota gidduu jiru akka sirreessuu fi humnaan gudeeddii fi yakka saalaa waliin wal qabatee irratti adabbii cimaa akka kennu gaafachaa turan.
Dhaabbanni daa'immanii kan Tokkummaa Mootummoota gabaasa guyyaa dubartoota idil addunyaa irratti baaseen akka beeksisetti, addunyaa guutuutti dubartootaa fi shamarran miliyoona 200 fi miliyoona 30 ol kittaannaa ykn dhanna qabaan akka irratti gaggeeffamu beeksisee jira
Lakkoofsi kun Waggoota saddeet darban keessatti miiliyoona 30 dabaluu isaa hunachiise.
Bara 1977 Tokkummaan Mootummoota sirnaan beekamtii kan argate Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa Raashiyaa, Yukireen fi Afgaanistaan dabalatee biyyoota gara 20 keessatti ayyaana biyyoolessaa ta’uun kabajama.
Forum