Guyyaa kabaja ayyaana Dubartootaa sadarkaa Idil Addunyaatti kabajamu "March 8" sababeeffachuun sagantaa Finfinneetti geggeessame irratti Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Saahilewarqi Zoodee haasaa dhageessisaaniin Wal waraansa keesstti irra caalaatti kan miidhaman dubartoota jedhanii , Biyyattii keessatti wal waraansi deemaa jiru akka dhaabbatuuf waamicha dhiyyeessaniiru.
Nageenyaaf haa hojjennu jechuun kan dubbatan Pireezidaantiittiin Wal qixxummaan dubartootaa akka kabajamuuf qabsoo gaafatas jedhaniiru. Kabaja aayyanichaa magaalaa Finfinneetti taasifame kanarratti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebees dubbii dubbataniin wal qixxummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiiwwan garaa garaa akka hojjetaniiran himanii ammas garuu qaawwaan baay’een jira jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel G/Medihiinitu gaabese.
Forum