Manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waamicha dhiyyeesseen ji’a Muusiliimaa qulqulluu ta’e Ramadaanaa kana sababeeeffachuun wal waraansi Sudaan keesssaa akka dhaabbatuuf waamicha dhiyyeesseera. Gareen humna waraana addaa Sudaan (RSF) waamichicha kana akka fudhaatu ibsus, gama humna waraanaa Sudaaniinimmoo Jeneeraal Yaaseer Al-attaa qondaala waraanaa olaanaa kan ta’an Ji’a Ramaadaanaa kan keessas waraanni akka hin dhabbannee fi dhaabbachuu kan danda’ummoo humni waraanaa RSF manneen namoota Siivilii fi dhaabbilee hawwaasaa gadhiisaanii yo ba’anidha jedhaniiru.
Humni waraanaa Sudaan torbaan darberraa kaasee Omduurmaan keessatti ol aantummaa fudhachuu isaa kan kaasan Jeneeraal Yaaseer magaalaa Omduurmaan keessatti buufata waraanaa keenyaa lama deebisnee to’anneerras jedhaniiru.
Sudaaniitti ergamaa addaa Yuunaayitid Isteetsi kan ta’an Tom Pereeloo Bitootessa 11 har’arraa kaasaanii hanga Bitootessa 25 tti biiyoota akka Itiyoophiyaa, Ugaandaa, Jibuutii, Keeniyaa , Masirii, Saa’ud Arabiyaa fi Yuunaayitid ArabEmmireetis akka daawwatan kan ibsi ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Waraana sudaan keessaatti xumura taasisuun uummanni sudaan hundi gargaarsa namoomaa hatattamaa isa barbaachisu akka argatuuf kan kaayyeeffatedhas jedhameera.
Wal waraansi Sudaan keessatti humna addaa Sudaan fi humna waraanaa sudan gidduutti ji’a Eebilaa bara 2023 tti ka’e Uummanni miiliyoona 25 walakkaan Uummata Sudaan gargaarsa akka barbaadan isaan taasiseera jedha dhaabbanni mootummoota gamtoomanii. Gareen wal waraanaa jiran lamaanuu yakka waraanaa raawwataniiru kan dhaabbanni mootummoota gamtoomanii namoonni miiliyoona Saddet gara biyyoota ollaatti baqatanis taasiseeru beellei akka babbal’atus godheera.
Forum