Ji’i Ramadaanaa Muusilimoota biratti ji’a qulqulluu ta’e kan jalqabe Marii dhukaasa dhaabuu dhaabbatee yeroo jirutti, yeroo beelli guutuu Gaazaa keessatti yeroo hammaataa dhufee fi wal waraansi Hamaasii fi Israa’eel inni ji’oota Shan lakkoofsiise dhumni isaa yeroo hin beekamnettidha. Dilbata kaleessaa kadhaannaa amoonni gaggeessan gamoowwan waraanaan caccabanii fi diigaman gidduutti yommuu ta’u namoonni tokko immoo dhufaatii ji’a Ramadanaa kana sababeeffachuun bakkoota da’annoo isaanii manneen barnootaafaa keessatti ibsaa fi miidhagina biroo taasifataniiru. Wraana Ji’oota Shan lakkoofsiise kan lubbuu lammiilee Paaleestiin kuma 30 galaafateeruun booda Ayyaanni ji’a Ramadaanaa dhufuu sababeeffachuun uummanni gadi ba’ee kabaje isa jalqabaati. Ji’a Ramadaanaa kana keessa namoonni Somaanaa ooluun galgala galgala soomana cabsuun kan beekamudha, garuu gaazaa keessatti kutaalee nyaanni keessatti argamuttillee meeshaalee qaruuraa bira darbee waan xiqqootu jira gatiin isaas namoota hedduudhaaf baay’ee qaala’aadha jedhameera.
Ameerikaa fi biyyoonni biro guyyoota darban gargaarsa lammiilee Paaliistiiniif qilleensaarraan buusuu kan jalqaban yommuu ta’e gareewwaan gargaarsaa namoomaa immoo carraaqqiin akkanaa gatii guddaa kan baasisuu fi gahaas miti jechaa jiru. Humni waraanaa Yuunaayitid Isteetsi karaa meeshaaleen gargaarsa namoomaa ittiin geejibsiifaman Galaanaratti ijaaruuf meeshaalee geejibsiisuu kan jalqabe yommuu ta’u inni kunis rakkoo amma jiruuf dafanii dhaqqabuuf yeroo fudhata jedhameera.
Dooniin garee gargaarsaa Ispeen “Open Arms” jedhamtu nyaata toonii 200 feeteettu Saayipiras irraa gara Gaazaatti imaluuf qophoofteetti garuu yoom nayaata sana dhaqqabsiisuuf akka jirtu hin beekamu. Israa’eel gama isheen geejiba Galaana kanaa akka simattu kan himte yommuu ta’u garuummoo osoo Saayipiras irraa kin ka’iin akka Sakkaatatu beeksiifteetti.
Forum