Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Rookkeetii Libaanon Irraa Itti  Furguggifameef Deebii Kennuuf Qilleensa Irraan Haleellaa Raawwachuu Beeksiste


Israa'el Rokkeettii itti dhukaasame fashaleesste, Onk. 8, 2023.
Israa'el Rokkeettii itti dhukaasame fashaleesste, Onk. 8, 2023.

Waraanni Israa’el Libaanon irraa gara qabiyyee Israa’el Golaan Haayititti rookkeettiiwwan 100 fi laauncheroota gargaaran sadii furguggisaman, jedhe mancaasuuf qilleensa irraan haleellaa geggeessee jira. Haleellaan daangaa qaxxaamure kun kan boodanaa yoo ta’u, lolli Hamaasii fi Israa’el gidduutti dugdee Gaazaatti geggeessamaa jiru gara kutaalee naannoo sanaatti babal’achuun isaa addunyaa yaaddessee jira.

Itti dabalu dhaanis Israa’el hidhattoota Hamaas barbadeessuuf duula geggeessitu itti fuftee jirtu Gaazaa gama kibbaa Kahaan Younis keessattii Kibxata har’aa haleellaa qilleensa irraa geggeessuu ishee Israa’el beeksistee jirti.

Tokkummaan mootummootaa rakkoon midhaan nyaataa Gaazaa keessaa hammaataa adeemuu ennaa beeksisaa jirutti, gargaarsi toonii 200 galaana irraan Saayipiras akka dhaqqabuuf fe’amee jira.

Gargaarsi kun wal ta’iinsa Tokkummaa Emireetota Arabaa, dhaabbata gargaarsa Spain fi garee World Central Kitchen gidduutti taasisameen ergame. Tattaaffiin kun andaara galaana Gaazaa irratti buufata doonii hundeessuu akkasumas bakka konkolaattonni Gaazaaf gargaarsa geessan sababaa sakatta’insa Israa’eliin daangeffamaniif mala haaraa tolchuu dabalata.

Gurmuun ka biroon kan waraana Yunaayitid Isteetis lammiiwwan Faalisxiin kanneen gargaarsa nyaataa eeggataniif konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe’an itti dabalaa akka ittiin ga’aniif andaara galaana Gaazaa irratti giddu gala yeroo tolchuuf jecha gara galaana Mediteraaniyaanitti imalaa jira. Angawooni akka jedhanitti giddu galli sun ijaaramee dhumee hojii itti fufuuf baatilee lama fudhachuu mala jedhan. Loltoonni Israa’el gama isaaniin hidhattoota Hamaasiif meeshaan waraanaa bifa kamii iyyuu akka keessa hin jiraanne mirkaneeffachuuf gargaarsa ergaman erga sakatta’anii booda gargaarsi fi dhiyeessiin wal’aansa fayyaa itti dabalaa Saayipiras irraa gara Gaazaatti akka ergamu karoorfamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG