Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Biyya Heeyitii Aangoo Isaanii Gad Lakkisan


Muumee Ministeeraa Haayitii Ariil Henrii, Bitooessa 1, 2024.
Muumee Ministeeraa Haayitii Ariil Henrii, Bitooessa 1, 2024.

Muumichi ministeeraa biyya jeequmsaan raafamaa jirtuu Haayitii Ariil Henrii angoo isaanii gadi lakkisuu isaanii prezidaantiin biyyaa Guyaanaa Irfaan Alii wixata kaleesaa galgala magaala Jamayikaa Kiingisten irraa beeksisanii jiru.

Walgahii hoggantoonii biyyoottan kutaa hawaasa kaaribiyaan dhimma Hayitii irratti Jamayikaa keessatti taasisaa jiran irra bahe akka ibsetti Hayitii keessatti amma filannoon taasifamutii qaamnii yeroo ce’uumsaa hoggansa biyyatii fudhata. Akka gareen kun jedhetti koreen bulchiinsaa Hayitii yeroodhaaf dhaabate, miseensota Torba kan of keessa qabu yemmuu ta’u isaan keesaa Jahaan isaanii qamoolee siyaasaa biyyatii keessa kan waltti dhufaaniidha. Tokko immoo dhuunfaa irraa akka ta’e ibsameera.

Koreen haaraan moggaafame kun muummee ministeeraa haraa filatee filannoo prezidaantummaa fula duratti taasifamuuf akka haala mijeessu gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG