Abbootiin amantaa Ortodoksii naannoo Oromiyaa Mana hidhaa Magaalaa Shaggar keessatti ji'a tokkoo fi guyyaa kudha saddeetif hidhamanii fi namoon kaan isaan waliin hidhaa turan kaleessa galgala mana hidhaatii gadi lakkifamuu isaanii abukaatoon isaanii sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Abbootiin amantaa sadii fi namoonni biroo torba “Sinodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos " jedhamuun waamamu hundeessuu isaanii akkuma ifoomsaniin qabamanii hidhaman, jechuun kan ibsan Yohaannis Geetahuun tokkoon tokkoon isaanii mirga wabii Birrii kuma shaniin mana hidhaatii akka bahan ibsaniiru.
Forum