Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Heeyitii Mana Maree Ce’eumsaa Hundeessuuf Carraaqaa Jiru


Hogganoonni Heeyitii Mana Maree Ce’eumsaa Hundeessuuf Carraaqaa Jiru
Hogganoonni Heeyitii Mana Maree Ce’eumsaa Hundeessuuf Carraaqaa Jiru

Hoggantoonni Heeyiti, miseensota mana maree ce’umsaa torba maqaa dhahuun yeroo murtaa’e kan Yunaaytid Isteetis kennitee guutuuf, ariifachaa jiru.Kunis mummichi ministeera biyyatti Ariel Heenrii aangoo irraa bu’an kan bakka bu’uu ta’a.

Heenriin dhiibbaa Ameerikaa fi hoggantoota haawaas naannoo Kaariibiyaan ykn CARICOM jedhamu irraa dhiibbaa dhufeen Wiixata dabree galgala aangoo gadhiisan. Yaadni mana maree ce’umsaa Heeyitii hundeessuu jedhu kun, jeequmsaan rakkatte bulchuuf walgahii hoggantoota CARICOM magaalaa guddoo Jaamaayikaa Kingston keessatti wiixata dabree taa’een kan mul’atedha.

Karoora kanaan manni maree ce’umsaa miseensota torba kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan keessaa ja’a tumsa siyaasaa Heeyitii adda addaa bakka bu’uun, torbaffaan ammoo bakka bu’aa damee dhuunfaa yoo ta’u, dabalataan miseensota sagalee hin kennine lama waldaalee siivikii irraa kan of keessaa qabu ta’a. Manni marii kun, muummicha ministeeraa haaraa filachuun filannoo preezdaantummaa itti aanu gaggeessuuf kan qophaa'u ta'a.

Miidiyaaleen oduu akka jedhanitti hoggantoonni Heeyitii eenyu akka mana maree kana keessa taa’u beeksisuuf yeroon sa’aatii 24 kennameefii ture.

“Lammiileen Heeyitii biyya ijoolleen mana barumsaa deemuu danda’anii fi warri isaanii nagaa akka ta’an beekan argachuu qabu,” jechuun CARICOM ibsa wiixata dabree baaseen, karoora mootummaa ce’umsaa beeksise. “Fedhii fi ija jabina qooda fudhattoonni, Heeyitii daandii dimokiraasii, tasgabbii fi badhaadhinaatti deebisuuf waadaa galuu isaanii ni galateeffanna. jedhan”

Heenrii xiyyaarri isaa naannoo Yunaaytid Isteetis Kaaribiyaan Poortoo Riikoo keessa bu’uuf erga dirqamee torban tokko booda hojii gadhiisan. yeroo Rippabiliika Doominiikaa, kan odola Hispanishii Heeyitii waliin qooddattutti akka hin qubannee immo dhorkaman.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG