Walitti bu’iinsii fi hongeen bakka keessatti hammaatee ture naannoo gammoojjii Tigraay qarqara afaan beelaa jirtu bakka waraana waggaa lamaa fi jijjiirammi qilleensaa dhiibbaa fideen manca’ee jira.
Dirreen yeroo tokko lalisaa ture amma gogeera, kunis qormaata hamaa jiraattota mudateef ragaa guddaadha.
Angawoonni Tigraay, mootummaan federaalaa rakkoo mudate gad xiqqeessa jechuun kan himatan yoo ta'u, Tigraay ammoo seenaa ishee keessatti beela hamaa keessaa isa tokkotu ishee mudate. Rakkoo namoomaa hamaa kana gidduu seenuun hawaasa addunyaa hatattamaan akka barbaachisu kan ibse qaamni komee dhaggeeffatu kan Itiyoopiyaa Omdusman jedhamu, namoota gara 400 ta’an beela naannoo Tigraay fi Amaaraa keessatti mudateen du’uu isaanii beeksisee jira jedha gabaasaan Asoosheetid Pirees.
Forum