Mootummaan Biriteen koolu galtoota dahata siyaasaa dhorkaman fedhii ofiin gara Rwaandaatti deebisuun nama tokkoof doolaara $3,800 kan kaffaluuf ta’uu beeksise. Dhaabbati oduu Faransaay Ajaans Firaans Press akka jedhetti karoorri kun qophii fedhii ofiin gara Ruwaandaa dhaquu ka duraatti isa aanuu dha. Kun kan ta’e ennaa ministeroonni koolu galtoota Rwaandaatti deebisuuf yaada adda addaa dhiyaatan irratti mari’achuu jalqabuuf jiranitti.
Karoorri inni boodanaa kun koolu galtoonni gara biyya dhaloota isaaniitti osoo hin deebi’in UK gad dhiisuuf kaffaltiin yeroo kennamu ka jalqabaa ta’a. kaayyoon isaas koolu galtoota kurna kumaan laka’aman kanneen Biriteen keessa keessa jiraachuuf eeyama hin qabneef biyya isaaniitti deebi’uu hin dandeenye gamasii baasuuf jecha.
AFP akka jedhetti waggoota darban keessa koolu galtoota 19,000 ta’antu fedha ofiin UK keessaa baafame.
Forum