Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Sababaa Walitti-Bu’insaatiin Gatiin Xaafii Baatiilee 11 Keessatti Dachaan Dabaluun Gabaasame


FAAYILII - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Sadaasa 30, 2021
FAAYILII - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Sadaasa 30, 2021

Sababoota Rakkoo Nageenyaan Itiyoophiyaa Keessatti Gatiin nyaataa yeroodhaa yerootti dabaleera jedhu fayyadamtoonni. Sababaa rakkoo kanaan yeroo yerootti gatiin nyaataa akka xaafii, shunkurtii (Qullubbii) fi kanneen biroo dabalaa jiraachuu fayyadamtoonni Sagaleen Ameerikaa dubbise himan. Fayyadamtoonni sagaleen Ameerikaa Roobii kaleessaa dubbiseeru akka ibsanitti waggaa tokko keessatti gatiin xaafii dacha lamaa oliin dabaleera jedhu.

Waggoota Toorbaa darbaniif Magaalaa Bahaar Daar keessatti buddena tolchuun kan gurguran Aadde Kaasaayee Sintaayyoo adaduma gatiin xaafii dabalaa deemeen gatii buddeenaarratti daballii taasisanis bu’aa argachaa akka hin jirre sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri qindeessa dhimma gargaarsaa OCHA’n ibsa Kibxata darbe baase keessatti Jeequmsoonni naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessaa itti fufuun gatiin Xaafii hanga ji’a Mudee darbeetti turtii ji’oota 11 keessatti dhibeentaan yommuu ilaalmu 105’n dabaleera jedheera. Akkasumas Shaqatoonni garaagraa turtii ji’oota 11 kanaa keesstti hara 40 irraa hang 400 itti daballii agarsiisanniirus jedheera. Jechuun Baahaardaar irraa Asteer Misgaanawuutu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG