Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Isiraa’el Har’aa Gaazaa Giddu-Galaa fi Kibbaa Keessatti Lafoo fi Humna Qilleensaan Hamaas Irratti Haleellaa Geggeessuu Beeksise


Palestiinota manneen haleellaadhan barbadaahe dhabbatanii laalan, Gaazaa, Bitootessa 6, 2024.
Palestiinota manneen haleellaadhan barbadaahe dhabbatanii laalan, Gaazaa, Bitootessa 6, 2024.

Humni wraanaa Israa’eel Kamisa kana akka haaraatti Gaazaa Gidduu galeessaa fi Kibbaatti halleellaa humna lafoo fi qilleensarraan Hamaas irratti fudhachuu jalqabuu isaa beeksiise. Humni waraanaa Israa’eel akka Ibseti tarkanfiin haleellaa amma jalqabame Khaan Yunuus keessatti sakata’insa taasisuu fi Rookkeettiiwwan itti dhukafaaman balleessuu akka ta’e ibseera.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Antenii Bilinkan Roobii kaleessaa ibsa kennaniin Israa’eel waraana Hamaas irratti gaggeessitu keessatti nageenya lammiilee Paalestiin eeguu hojii ishee lakkoofsa tokkoffaa taasifachuu qabadi jedhaniiru.

Dippiloomaatonni olaanoo Yuunaayitid Isteetsi Saayipiras irraa Interneetiidhaan wal ga’ii Viidiyoo hooggantoota biyyoota Yuunaayitid Kingidam, Yuunaayitid Arab Emmireetis , Kaataar, Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin dhimmi hula galaanaa karaa gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti seenurratti marii taasisaniiru.

Hulaan galaanaa haaraan gargaarsa namoomaa Gaazaaf yommu banamutti guyyaatti hanga nyaata miiliyoona lamaa , qorichoota , bishaan dhugaatii fi gargaarsota namoomaa baayyee murteessoo ta’an ni dhiyyeessa jedhaniiru ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Antenii Biliinkan.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjirri qindeessa dhimmi baqqattoota Paaleestiin Roobii Kaleessaa akka beeksisetti humni waraanaa Israa’eel Haleellaa wiirtuu raabsaa nyaataa Raafaah irratti raawwateen yoo xiqqaate hojjetaan isaa tokko du’uu ibsee kanneen 22 ta’animmoo madaa’aniiru jedheera. Yeroo waraanichi ammayyuu itti fufee jirutti Ministirri fayyaa Hamaasiin hoogganamu kan Gaazaa keessaa akka beeksiisetti guyyaa Roobii kaleessaa qofa lammiileen paalestiin 88 yommuu du’an hanga ammaattis erga wal waraansichi jalqabee lammiileen Paaleestiin 31, 272 yommuu du’an kanneen 73,000 ta’animmoo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG