Gamtaan Awurooppaa Dilbata kaleessaa Masrii maallaqaan rakkatteef gargaarsa Yuuroo biiliyoona 7.4 (Doolaara biiliyoona 8) akka kennuuf labsee jira.
Kunis dhiibbaan dinagdee fi waldhabdeen biyyoota ollaa keessatti uumamu godaantota hedduu gara qarqara galaanaa Awurooppaatti geessuu danda’a jedhamee yaaddoon jiru dabalaa waan dhufeefii.
Waliigalteen kun galmee mirga namoomaa Masrii irratti gareewwan mirga namaaf falman irraa qeeqa kan hordoofsisee yoo ta’u, Dilbata kaleessaa waaree booda Kaayiroo keessatti pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi fi preezdaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen mallatteessaniiru. Sirna kanarratti hoggantoonni Beeljiyeem, Xaaliyaanii, Oostiriyaa, Saayreesii fi Giriik argamaniiru.
“Daawwannaan keessan kun hariiroo Masrii fi Gamtaa Awurooppaa gidduutti milkaa’ina baay’ee barbaachisaa ta’e bakka bu’eera,” jechuun el-Sissi hoggantoota Awurooppaa daawwataniif dubbataniiru. Waliigalteen kunis “michooma keenya keessatti jijjiirama argamee” galmaan ga’eera jedhan.
Gargaarsaa kun deeggarsa fi liqii waggoota sadan dhufan keessatti biyya Arabaa baay’ina ummataa guddaa qabduuf kennamu kan hammate ta’uu ergamni Gamtaa Awurooppaa Kaayirootti argamu ibseera.
Maallaqni kun harki caalaan Yuuroo biiliyoona 5 (Doolaara biiliyoona 5.4) gargaarsa haanqiina maallaqaa mudatee sirreessuuf kan ooluu ta’u, ta’uu galmee qaamnii Gamtaa Awurooppaa Masrii jiru irraa argame ni mul’isa.
Itti dabaluun akka ibseetti gam lamaan tumsa isaanii sadarkaa “walta’iinsa tarsiimoo fi kan walii galaatti ”guddisan. Kunis tumsa Masrii fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru gama dinagdee fi dinagdee hin taane adda addaatiin babal’isuuf karaa saaqa jedheera.
Gamtaan Awurooppaa Masriin michuu amanamtuu ta’uu fi tarsiimoo addaa fi murteessaa ta’e keessatti gahee ji’oo-akka utubaa nageenyaa, jiddu-galeessa fi nagaa naannoo Meditiraaniyaanii,akkasumas biyyooota Baha fi Afrikaa keessatti Dhiheenya qabdutti beekamtii kenna, jedha ibsi waloo walgahii kana booda baasan.
Forum