Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ityoophiyaa Namoota Sababaa Lolaatiin Naannoo Tigraay Keessaa Buqqa'an Deebisuuf Akka Hojjetaa Jiru Beeksise 


FAAYILII - Namoonni qehee irraa buqahaan nyaata jiraattota Maqaleetiin kennamu oggaa fudhatan, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.
FAAYILII - Namoonni qehee irraa buqahaan nyaata jiraattota Maqaleetiin kennamu oggaa fudhatan, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.

Sababa walwaraansa kaaba Ityoophiyaa kessatti taasifamaa tureen kan ka’e, jiraattotaa naannoo Tigray wareen qe’ee isaanii iraa bu’aqan ittu waqitiin gannaa hin jalqabin garaa mana isaaniitti deebisuudhaaf hojachaa jiraachuu isaa mootummaa Ityoophiyaa beeksisee jira.

Koreen biyyaalessaa waldhabdee daangaa naannoo Amaaraafi Tigrayn gidduu jiruff furmaata kennuuf mootummaadhaan dhaabbate, itti aanaa muummee ministiraa obbo Tamasgeen xuruuneetiin kan dursamuu yemuu ta’u, miseensotaa koree kanaa kan ta’an itti gaafatamaan tajaajila dhimaa odeeffaannoo fi nageenya biyyaleessaa ambaasadder Reediwaan Huseen fi prezidaantonii bulchiinsaa naannoo Amaaraa fi naannoo Tigraay wal arganii dhimmichaa irratti maryachuu isaanii maddaawwan oduu mootummaa ibsanuu jiru.

Bakeewwan falmisisaa ta’an bulchiinsaa naannoowwan lammanii jalaa bahanii amma filaanoon murtoo ummataa taasifamuutti too’annoo mootummaa feederaalaa jala akka turan torban darbee marii bakka bu’ootaa naanoo Tigraay wajjin taasisan irratti kan ibsaan muummichii ministeeraa Abiy Ahimed, namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an yoo deebi’uu barbaadan yeroo akamiinuu taanaan mootummaa akka raawachiisuu ibsanii turan.

Dhimmichaaf xiyyeeffannaa kenuudhaan Koreen dhaabachuun isaa gaarii akka ta’e kan sagalee Amerikaati himan itti gaafatamaan dhimmaa alaa Paartii mormitootaa Baayitonaa jedhamee beekamuuf Tigraay keessa Socho’uu obbo Tesfaay Nigus, haallii buqqatotaa deebisuufi daanqaa, akkataa heeraa biyyaatti hojii irraa jiruun akka raawwatu abdii qaban ibsanii jiru.

Yuniversitii Finfinneetti barsiisaa Seeraa fi mirgaa namoomaa kan ta’an Dokteer Siisay Mengiistee, Koreen dhaabbate buqaatotaa qe’e isaaniitti deebisuu irratti kan hojjatu malee dhimmi daangaa kan isaa ilaallatu akka hin taanee ibsanii, naannoowwan lamman akkataa haala amma keessa jiranuun Koreen dhaabatae hojii isaa itti fufuu akka danda’u ibsuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG