Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Sababaa Walitti-Bu'insaatiin Hojjetoonni Kuma 6 Caalaan Hojii Dhabuun Gabaasame 


FAAYILII - Gabaa magaala Goondor, Naannoo Amaaraa, Caamsa 1, 2021.
FAAYILII - Gabaa magaala Goondor, Naannoo Amaaraa, Caamsa 1, 2021.

Walitti bu’insaa ji’oottan torba darbani fi naannoo Amaaraa keessatti taasifamaa jirunn kan ka’ee hojii isaanii irraa waan gar gar citaaniif rakkinaa hawaasummaafi dinagdeetif akka saaxillaman namoottan sagalee Amerikaatti himan maatiiwan isaanii jiraachisuudhaaf akka rakkatan ibsaniiru.

Sagaleen Amerikaa kan haasofsiisee fi abbaa ijoolee Sadii kan ta’an obboo Geetahuun Tesfaa, Kanaan duraa hiryootan isaanii Sagal wajjin warshaa kophee homishuu hondeessanii hojjachaa akka turan ibsanii, sababba walitti bu’insa naanichaa keessatti adeemaa jiruun kan ka’ee waan gabaa dhabaniif warshaan isaanii cufaamuu isaa himaniiru.

Dhaabbataa qotiinsa Abaaboo keessa hojjachaa kan turtee shamareen Tesfaa Mekuriya ji’a hagayyaa darbee kaasee dhaabbanii isheen keessa hojjachaa turtee sababa walwaraansaatin waan cufameef akka jireenyaan rakkachaa jirtu sagalee Amerikaatti himtee jirti.

Bulchiinsa naannoo Amaaraatti itti gaafatamaan biiroo Idustirii fi Inveestimentii Obbo Idiris Abduu qibxata har’aa akka sagalee Amerikaatti himanitti, ji’aa Hagayyaa darbee kaasee walitti bu’insaa naanichaa keessa jiruun kan ka’ee, godinaalee bahaa fi lixa Goojjami fi naanoo magaala Dabrebirhaan keessatti dhaabbileen homishaa tokko tokko mancaa’uu isaaniitiin , kaan immoo hanqinni dhiheesii waan isaan muudateef, Industroonii xixiqqaaniifi gurguddaan akka hojii dhaaban himaniirtu.

Naannichii rakkinaa amma keessa jiru keessa akka bahuu danda’uf mariin nageenyaa akka taasifamu obbo Idiriss Abduu gaafatanii jiru.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ji’a Muddee darbe keessa ibsa baaseen, naanichaa keessatti lola taasifamaa jiruun kan ka’e, dhaabbileen homishaa hedduun sababa cufiinsa karaatiin, sababa sochiin maalaqaa murtaa’aa ta’ef, akkasumas sababa labsii yeroo atattamaatiin kan ka’ee hedduun isanii hojjatootaaf mindaa kaffaluu waan dadhaabaniif rakkoon hawaasummaa fi diinagdee jiraattoota muudhachuu isaa akka ibsee Asteer Misgaanaawu gabaaste jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG