Namoottan magaala gudicha biyyatti Baanjuur keessatti wixataa kaleessaa hiriira bahan caalaan isaanii dhiiroota yemmuu ta’aan dubartoonnis akka keessatti argaman gabaasameeraa. Maddii oduu Rooyiters akka gabaasetti seerri Kanaan dura bahee biyaatti keessatti hojii irraa olaa jiru innii dhanna qabaa ijoolleewwan durbaa yakka taasise waan faallaa amantaadhaaf adaa isaanii ta’eef akka haqamuu fi mirgii amnata isaanii akka kabajamuu qabuudha kan hiriirtonni sun gaafatan.
Seerri Gambiyaa keessatti bara 2015 bahe, namoottan sirna dhanna qabaa raawwatan hidhaadhaa fi maallaqaan akka adabaman kan murteesee yemmuu ta’u, jalqaba ji’a kanaatii kaasee seeraa tummtoonni mootummaa biyyatti keessa jiran ammi tokko seerichi waan amantaadhaaf aadaadhaan wal faalleesuuf akka irraa deebi’ee ilaalamuu qabuufi haqamu gaafaachaa jiru.
Dhaabbata mirga namoomaa idilee adduunyaa Aminesti internaashinaal dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa seerichii ni haqama taanaan naannoo kutaa Sanaa keessatti rakkinaa cimaa umuu danda’a jechuudhaan yaaddoo akka ibsaa jiran beekameera.
Dhaabanni fayyaa Aduunyaa dhanna qabaan ijoolleewwan durbaa midhaa qor- qalbii fi qaamaa, akkasumas du’aa ijoolleewwan durbaa irratti qaqqabsiisuu irraa kan hafee bu’aa fayyaa tokkollee akka hin qabne beeksisee jira.
Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti jaarmiyaan waa’ee ijoollewwanii dhaabbatu UNICEF akka ibsetti, adduunyaa irratti gochii dhannaa qabaa ijoolleewwan durbaa wagga Sadeetiin dura innii miiliyoonii 200 ture dhiheenyaa kana gara miiliyooni 200 fi miiliyoonii 30 ti ol ka’ee jira.
Kana keessaa miiliyoonii 100 fi miiliyoonii 44 kan raawwatee Afrikaa keessatti yemmuu ta’u, Miiliyooniin 80n Eeshiyaa keessatti, miiliyoniin Jaha immoo walakkeessa bahaa keessatti akka ta’e beekamera.
Forum