Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Tigiraay Keessatti Namoota Miindaa Sooramaa Dhabanii Hiiraan Iyyataa Turaniif  Mootummaan Akka Kaffaluuf Jiru Beeksise


Sabaaba wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen Tigiraayiitti namoonni Miindaa sooramaan jiraatan yeroo turtii ji’oota 18’f nuuf hin kaffalamne jechuun hiriira nagaa ba’uun gaafachaa turan , mootummaan Itiyoophiyaa akka kaffalamuufiif murteessuu isaa ministirri de’eetaa ministira Faayinaansii Itiyoophiyaa Doktor Iyyoob Takkaaliiny ibsa miidiyaa biyya keessaa mootummaan hoogganamuuf kennaniin himaniiru.

Akka seera sooramaa itiyoophiyaatti miindaan sooramaa kan kaffalamu maallaqa hojjettoota irraa sooramaaf jedhamee citurraa yommuu ta’u wayita waraanaa sanatti garuu naannoo Tigiraay keessaa maallaqni sooramaa miindaarraa funaanamaa waan turreef kaffalamuu hin dandeenye jedhanii ammammoo murtoo siyaasaatiin namoonni yeroo waraanaa sanatti miindaa soorama isanii hin argatiin turan akka kaffalamuufiif murtaa’eera jedhaniiru. Haala kanaanis torbaan dhufurraa kaasee kaffaltiin akka raawwatamuufis ibsaniiru Dr Iyyoob.

Jiraataa magaalaa Maqalee kan ta’an obbo Tikkuu Hagoos waggoota 33 f hojii mootummaarra kan turanii fi erga soorama ba’aniis waggoota 12 isaan guutuu sagalee Ameerikaatti himanii murtoon mootummaa tureera jedhanii ammas ariitiin hojiirra nuuf ooluu qaba jedhaniiru.

Namni biraan Ajajaa dhibbaa ta’uun humna waraanaa Itiyoophiyaa wagoota 16’f tajaajiilaa turuu isaanii himanii yeroo ammaa soorama ba’aniiran yeroo

hedduu rakkisaa ta’e dabarsine jedhanii murtoon mootummaan amma dabarse kun gara hojiitti akka hiikamu eeggachaa jirras jedhaniiru.

Wabii waldaa hojjettoota mootummaa Federaalaatti hooggantoota dame kaaabaa gabaasaan Sgalee Ameerikaa Muluugeetaa Astibahaa qaamaan deemee dubbisee murtoo kenname ilaalchiisuun miidiyaarraa akkauma namoota kaanii dhaga’uu malee kallattiin nuuf kenname hin jiru jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG