Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Walaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti Namoonni Nagaan 16 Ajjeefamuun Gabaasame


Walaggaa Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo keessatti lammiiwwan nagaan humnoota mootummaan ajjeefaman jechuu dhaan jiraattonni naannoo fi Innaat paartiin beeksisaniiru.

Namoota ajjeefaman jedhaman toora namoota kudhanii ibsa baaseen kan tarreesse Innaat paartii ajjeechaan sun kan raawwatame hidhattoonni hin beekamne raayyaa ittisa biyyaa tokko ajjeesuu isaaniitti aansii humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin jedhee jira. Paartichi namoota du’an maqaa inni dha’e keessaa lama obbolaa isaanii ta’uu kan dubbatan dubartiin tokko, obbolaan koo waldaa naannoo jiru Abboo jedhamu dhaqanii raayyaa ittisa biyyaa irra rasaasa dhukaasameen ajjeesaman jedhan.

Itti gaafatamaan hariiroo alaa Innaat paartii obbo Daawit Biraanuu har’a VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, godina walaggaa bahaa aanaa Giddaa ayyaanaa ganda Andoodee Dichootto bitootessa 5 bara 2016 namoonni nagaan ajjeefamuu jiraattota naannoo irra mirkaneeffanneera jedhanii, kanaafis raayyaa ittisa biyyaatu itti gaafatama jedhan. Toorri maqaa namootaa nu dhaqqabee jira jedhanii, kanneen biroon sadii immoo eessa akka jiran hin beekamne jedhan. obbo Daaawit akka jedhanitti kanneen ajjeefaman kana awwaaluuf Bitootessa 8 gaaffiin dhiyaate illee fudhatama dhabe jedhaniiru.

Haati ka biroon abbaan warraa isaanii abbaan ijoollee lamaa duraa ajjeefamuu dubbatanii maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafataniiru.

Dhimma kana ilaalchisee ministeera tajaajila kominikeeshinii mootummaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne. Garuu dhiyeenya Mer’aawii keessatti ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatame ilaalchisuun VOAf ibsa kan kennan ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Dr. Leggesee Tulluu raayyaan ittisa biyyaa fi walumaa gala humnoonni mootummaa adeemsa waraanaa hanga ammaatti jiruun sivilotaa fi waaltaalee sivilii irratti haleellaa qiyyaafate hin raawwanne jechuun isaanii ni yaadatama.

Dhiyeenya haala yeroo irratti TV biyyattii irratti dhiyaatanii ibsa kan kennan ajajaan humna waraanaa walii gala Fiild Maarshaal Biraanuu Julaa Oromiyaas ta’e naannoo Amaaraa keessatti ajjeechaa raawwateen wal qabatee himannaa Raayyaa ittisa biyyaa yakku of irra ittisaniiru. Komiishiniin mirga namaa Itiyoophiyaa yeroo adda addaatti ibsa baaseen walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fufee jiru namoota nagaa miidhaa jiraachuu tuqee, furmaati karaa nagaa akka kennamu irra deddeebi’uun waamicha dabarseera jechuu dhaan Aster Misgaanaaw gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG