Waldaan Ogeessota Faarmaasii fi hakiimota Ilkaanii kan Keeniyaa akka jedhetti hakiimota kanaaf insuraansii fayyaa bal’aa gaafachuuf akkasumas mootummaan hanga ammaatti leenjifamtoota fayyaa 1,200 hojii irratti bobbaasuu dhaabuu isaan kan ka’e ta’uu ibsee jira.
Hoggantoonni waldichaa ajajni mana murtii hojjettootaa waldaan kun mootummaa waliin marii akka taasifamuuf mormii kana akka dhaabu gaafatus hakiimonni 4,000 ta’an mormii hoji dhaabinsaa kana irratti hirmaachaa jiru jedhu.
Dhiibbaan lagannaa hojii kun guutummaa biyyattiitti keessatti rakkoo uumaa kan jiru yoo ta’u, dhukkubsattoonni hedduun osoo gargaarsa hin hafan ykn hospitaalota irraa gara manaatti deebifaman.
Ministeerri kaabinee kan ministrii eegumsa fayyaa Suusaan Nakumichaa haala hojii jiruu hubachuuf jecha hospitaala Walii gala Keeniyaattaa daawwataniiru. Nakumichaan akka jedhanitti hamman hubadhetti hospitaalle Riferaalaa sirriitti hojjetaa jiru. Waaltaaleen eegumsa fayaa hospitaalota biyyoolessaa jala jiranitti hojjetaa jiraachuu isaanii mirkaneeffachuuf cichaan hojjenna jedhan.
Bara 2017 keessa keeniyaa keessa kan jiran hospitaallonni uummataa mindaa wayyaawaa gaafachuuf akkasumas mootummaan waaltaalee eegumsa fayyaa uummataa bakka turanitti akka deebisu gaafachuuf lagannaa hojii guyyoota 100 geggeessanii turan. Hanqina hamaa kan ogeessota eegumsa fayyaa jiru hanqisuufis leenjiin itti fufiinsa qabuu fi doktoronni akka mindeessaman gaafataniiru.
Forum