Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maamiltoonni Maallaqa Qabanii ol Akka Baafatan kan Taasise Rakkoo Teekinkaa Mudate, Jedha Baankiin Daldala Itiyoophiyaa


Baankii Daldala Itiyoophiyaa naannoo Boolee, Finfinnee, Adoolessa 31, 2019.
Baankii Daldala Itiyoophiyaa naannoo Boolee, Finfinnee, Adoolessa 31, 2019.

Baankiin guddichi kan Itiyoophiyaa rakkoon teekinikaa maamiltoonni isaa maallaqa herrega isaanii keessa jiruun ol akka baafatan erga taasisee booda doolaara miliyoona$40 ol deebisiifachuuf yaalaa jiraachuun gabaasame. Sabaa himaan biyya keessaa akka gabaasanitti rakkoon kun baankii daldala Itiyoopohiyaa erga mudatee booda mashiinota maallaqaa guutuu biyyattii jiran fuullee toora namootaa dheeraan uumamee ture.

Rakkoon komputeraa Sambata darbee kun barattoota Yuniversitii kanneen irra hedduu maallaqa kanaa baafataniin miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasame jechuu dhaan hoogganaa ol aanaan baankichaa Abee Sanoo dubbataniiru. Baankichi maallaqi hagamee akka ba’e hin dubbanne, garuu Abeen tuuta oduuf akka himanitti ennaa rakkoon teekinikaa sun mudate walakkaa miliyoonaa kan ta’an maallaqa baasaniiru. Gaazixaaleen naannoo akka gabaasanittti qarshiin Itiyoophiyaa biliyoonni 2.4 ykn doolaarri miliyoona $42tu bade.

Rakkoon uumame kun fooyya’iinsa sirna idilee fi sakatta’iinsa” geggeessamuun malee haleellaa marsariitii irraan geggeessameen miti jechuu dhaan baankiin biyyoolessaa ibsa baaseen beeksiseera. Rakkoon kun hamma furamutti sirni baankii Itiyoophiyaa sa’aatilee hedduu dhaaf adda cite waan tureef maamitltoonni maallaqa baafachuu hin dandeenye. Kan bara 1963 keessa hundeeffame baankiin daldala Itiyoophiyaa maamiltoota miliyoona 40 kan qabu baankii guddciha.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa xumura torban darbee maamiltoonni maallaqa herrega isaanii keessa jiruun ol akka baafataniif sababaa kan ta’e rakkoo teekinikaa komputera mudateen jechuu dhaan ibsa baaseen beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG