Namoottan kibbaa Ityoophiyaa irraa hojiidhaaf jechaa garaa hidhaa laga Abbayyaatii ittuu imalaa jiranii garee hidhatootaatiin butaman 272 ammayuu akka qabamanii jiraan maatinnii fi dhaabanii namoottan kana hojiidhaaf qaxaaree ibsani jiru.
Namoottan kun garee hidhatootaa Faannoo jedhamuun ergaa butamanii guyyoottan 23 kan darban yemuu ta’uu, gareen namoottan kana butee tibbana ibsaa kenneen Sa’aatii 72 keessatti akka gadi lakkisu beeksisee ture.
Namoottan kun amma ammaatii akka gadi hin lakjisamnee kan ibsan hoggaanaa projeektii dhaabataa ijaarsaa Nikootikaa dhaabbata hojjatoota sana qaxaree, Obbo Mulugeetaa Alenee namoottan sana gadi lakisisuudhaaf jecha Birii Miiliyoonii Afur kafalanii garee hidhatootaa Godinaa Goojaam bahaa naannoo Goozaamin irraa gadii lakisamanuus ittu deebi’aa jiranuu Bitootessa 1 bara 2016 garee hidhatootaa birootiin bakkaa Amaanu’eel jedhamuuti deebisanii qabamuu isaanii ibsaniiru.
Akka obbo Mulugeetaan jedhaniitii gareen hojjatootaa kana qabatee furtuu konkolatootaa dhaabatiichaa Afurii erga fudhatee booda biriin miiliyooniin Jaha kennamuuf malee akka gadii hin lakifne beeksisuu isaa himanii jiru.
Firoottan isaanii beelaa , dheebuudha fi dhukubaan rakkachaa jiraachuu isaanii kan ibisan maatiiwwan butamtootaa, mootummaan dhimicha irratti xiyyeeffanaa gahaa akka hin kenni ibsuu isaanii Yoonaatan Zabdiyos Hawaasaa irraa gabaaseera.
Forum