Hanqinni talaallii addunyaa mudatee yeroo jiru kanatti, Lakkoofsi namoota dhukkuba koleeraa qabamanii dabalaa dhufe ofirraa ittisuuf, tarkaanfiin hatattamaa fudhachuun barbaachisaa ta’u jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Roobii kaleessaa ibsee jira.
Dhaabatti talaallii farra dhukkuuba Koleeraa kana kan oomishuu tokkichi kan Koriyaa kibbaa EuBiologics fedhii jiru waliin walsimuu waan hin dandeenyeef namoonni miliyoonaan lakkaa’aman rakkoo dhukkuba koleeraaf saaxilamuu isaanii, gareen Qindeessaa Dhiyeessii Talaallii Idil Addunyaa kan jaarmayaa fayyaa addunyaa beeksiseera.
Kuusaa talaallii koleeraa addunyaa kan bulchu gareen kun ibsa baaseen, ''Addunyaa guutuu irratti waggoota hedduu keessatti kanaan dura haala hin argamne namoota dhukkuba koleeraan qabaman dabaluu isaaf tarkaanfiin hatattamaa barbaachisaadha,'' jedheera.
Daay'ina doosiiwwan talaallii argaman, sadarkaa barbaachisummaa amma jiruun wal bira qabamee yoo ilaalamu, "Qaawwi guddaan uumamee, kuufama talaallii addunyaa irratti dhiibbaa kanaan dura hin argamne fida."
Bara 2022tti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman kan WHOf mallattoon kenname, isa bara sana dura tureeirraa dachaa dabalee 473,000 ta’eera.
Bara 2023tti namoonni vaayirasii Koleeraan qabaman gara 700,000 taʼuu hin oolan.
Dhaabbatii waa’ee talaalii sadarka addunyaatti to’atu akka jedhutti, bara 2024tti oomishni talaallii addunyaa doosiiwwan miiliyoona 17 hanga miiliyoona 50 gidduutti akka ta'u ibseera. ''Garuu fedhii namoota miliyoonaan lakkaa'aman kannen dhukkuba koleeraan miidhaman tajaajiluuf gahaa ta'uu dhabuun itti fufuu hin oolu'' jedheera.
Bara 2025 ituu hin seeniin dura oomishtoonni haaraan gabaa kana akka hin seenne eegamaa kan hin jirree waan ta’eefis, hanqinni kun hanga bara dhufutti itti fufuuf jira jedha.
Biyyootni haalaan dhukkuuba Koleeraan miidhaman keessa, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Itiyoophiyaa, Heeyitii, Somaaliyaa, Sudaan, Sooriyaa, Zaambiyaa fi Zimbaabuwee ni jiru.
Forum