Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkan Israa’el fi Haamaas giddutti dhukaasa dhaabiins argamsisuu, namoonni Gaazaa keessatti iggitaman akka gadhiifaman akkasumas, gargaarsii namoomaa dabalataan Gaazaa seenee siviloota Faalisxiin kanneen haala hamaa keessa jiraniif akka kennamuu gochuu irratti marii qiyyaafate gaggeessuuf, har’a Masrii seenanii jiru.
Ministeerri Dhimma Alaa akka jedhetti, Blinken prezidaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi waliin yeroo wal arganitti wal waraansii yoo xiqqaate torban jahaaf turu akka argamu, akkasumas namoota booji’amanii hafan hunda gadhiifamuu irratti mari’ataniiru.
Dippilomaatiin olaanaan kan Amerikaa kun bakka bu’oota Joordaan, Sa’uudii Arabiyaa, Qaxar fi Yunaayitid Arab Emireets waliinis wal arguuf jiru.
Biyyoonni hedduun yaada Israa’elii fi garee hidhattoota Hamaas biratti fudhatama qabu baasuuf yaaluuf jecha, torban hedduudhaaf marii gaggeessaa turan.
Blinken Jimaata borii mariidhaaf gara Israa’el yeroo imalan waa’ee haala dhiyeenya kanaa hoggantoota Israa’el beeksisuuf jiru.
Israa’el keessatti, Blinken “karaa itti nagaa ummataa eeguu, raabsa gargaarsa namoomaa hin gufachiisnee fi nageenya waliigalaa Israa’el tarkaanfachiisuun, Raafaa dabalatee, mo’amuu Hamas mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu isaa irratti ni mari’atu,” jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis irraa ba’e.
Yunaaytid Isteetis karoora Israa’el haleellaa lafoo Rafah, daangaa Gaazaa fi Masrii irratti argamtu keessatti raawwachuuf qabdu mormtee jirti, Israa’el kaayyoo ishee Hamas injifachuu fi gareen shororkeessummaa jechuun Amerikaan ramaddee Haamaas haleellaa biraa kan akka Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate akka lamuu hin raawwanne mirkaneessuun barbaachisaa dha jette .
Lammiileen Falasxiin miliyoona tokkoo ol Raafaa keessatti daahannaa kan godhatan yoo ta’u, hedduun isaanii waraana kana gidduutti nagaa argachuuf yaaluun kutaalee Gaazaa biroo keessaa erga baqatanii booda.
Peentaagoon akka jedhetti, Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteetis Lloyd Austin, Kibxata darbe Ministira Ittisaa Israa’el Yoav Gallant waliin yeroo dubbatanitti, “duula lafoo Rafah keessatti gaggeeffamuuf filannoowwan biroo ilaaluu” barbaachisaa ta’uu irratti mari’ataniiru.
Forum