Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Bakka Hundumaatti Hanqina Boba'aa Mudachuun Ibsamee Jira


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo AMaaraa, Sadaasa 06, 2020.
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo AMaaraa, Sadaasa 06, 2020.

Shoofeeronnii hojii dhaabuu isaanii ennaa ibsan qonnaan bultoonni immoo qonnaa jallisii qabanis oyiruun isaanii gogaa akka jiru ibsan.

Jiraattonni akka jedhanti, boba’aa barbaacha guyyootaaf tarree galanii akka eegan dirqisiisaa jira.

Magaalaa guddoo bulchiinsa naannoo Amaaraa kan taatee Baahir Daar fi naannolee birootti buufata boba'aa irraa wabaabbataniitti, torrii namoota eeggatanii dheeraan mul’ataa jira.

Qonnaan bultoonni sagalee Amerikaaf akka himanitti paampiin Gaaziin hojjatu oomisha isaanii bishaan dhugsisuu waan hin dandeenyeef jecha jalaa miidhamuuf jira jedhu.

Rakkoon kun uumamuu isaa kan amanee waajirri daldalaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa, furmaata arguuf akkaataa hojii haaraa ta’e hordofaa akka jru ibseera jechu isaa Asteer Misgaanaawuu Baahir Daar irraa gabaastee jirti

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG