Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabineen Bulchiinsa Yeroofii Tigiraay Mana-maree Hojii Bulchiinsichaa Gamaaggamuu fi Gorsu Dhaabuuf Wixinee Ba’e Raggaasiise


FAAYILII - Waajjra ABUT, Maqalee, Tigraay, Fulbaana 6, 2020.
FAAYILII - Waajjra ABUT, Maqalee, Tigraay, Fulbaana 6, 2020.

Dambiin kaabineen bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay gumii haala bulchiinsa isaa gamaaggamaii fi gorsan baase kunis hojiitti hiikamuuf kan jiru yommuu ta’u , dambichi kan mirkaneeffamef koree gumicha dhaabuuf hojjechaa turaniin ibsi erga irratti kennameen boodadha. Dhaabbileen siyaasaa sadii Arenee, Saalsaay Wayyaanee fi Asiinbaa kanneen jedhamanimmoo dambiin kaabinee bulchiinsa yeroo naannichaan amma raggaasifame yaada koreen dambicha qopheessaa turaniin alattidha jechuun mormaniiru. Kunis itti waamamni isaa fi dhaabbilee siyaasaaf teessoon kennamu irratti yaada koree qopheessitoota wixinichaan ala kan jirutu raggaasifame kan jedhudha.

Dura taa’aa paartii siyaasaa dimokiraatawaa Asiimbaa kan ta’an Obbo Dorii Asgadoom Koreen wixinicha qopheessaa ture gumiin kun mana maree yeroo bulchiinsa Tigiraay akka jedhamu ture kanas yaadoota keenya kaabinee bulchiinsa naannichaatti ofii dhiyyaannee dhiyyeeffana kan jedhu ture sun osoo hin kabajamiin hafeera jedhu. Manni-maree hundeeffamuuf deemu kun miseensota 105 kan qabaatu yommuu ta’u paartileen hundi teessoo wal qixa qabaachuun osoo isaanirra jiraatuu paartiin Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay teessoo 48 ofii isaa qabateeras jechuun yaada mormii isaanii dhiyyeessu dhaaboliin siyaasaa Tigiraay keessa socho’an.

Mana-maree kana keessatti namoonni 38 kanneen akaana dura miseensa mana maree naannichaa keessa turan keessatti yommuu hirmaatan dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraay irraa 10 , dhaaboota siyaasaa Areenaa, Saalsaay wayyaanee, Baayitoonaa fi Wudduubi tsinaat tokkoon tokkoon isaanii teessoo ja’a yommuu fudhatan, dhaabooliin siayaasaa Asimbaa fi Aksumaawwii Ma’iwaalee kan jedhaman immoo tokkoon tokkoon isaanii teessoo Sadii sadii yommuu fudhatan teessoon 15 hafan immoo dhaabbilee siivilii fi gurmiiwwan garaa garaaf kennama jedhameera.

Itti aanaa Pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Leetenaant Jeneeraal Tsaadiqaan GebireTinsaa’ee torbaan kana waltajjii torbaan kana bulchiinsa dimookiraasiif jedhamee gaggeeffamerratti Manni-marichaa hundaa akka hirmaachisu irratti hojjetama jedhanii ture.

Dhaabbileen Siyaasaa mormii isaanii ibsatan Gumicha keessatti ni hirmaattumoo? Ni dhiistuu jedhamanii gaafataman gara fuuladuraatti irratti marii taasifnee murteessina jedhaniiru.

Manni-maree kun bulchiinsi yeroo naannichaa erga hundaa’ee waggaa tokkoon booda kan raggaasifame yommuu ta’u baajata bulchinsichaa dabalatee hojiiwwan isaas kan hordofan ta’as jedhameera jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG