Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Itiyoophiyaan Waa'ee Idaa Liqaa Muddamaa Jirtutti  Gareen Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Yokaan IMF Mariif Biyyattii Keessa Jira


Hojjettoonni Fandii Maallaqa Idil Addunyaa gaaffii liqaa dhiyaaterratti marii taasiisuuf Itiyoophiyaatti akka Argaman qondaalli Ministira Faayiinaansii Itiyoophiyaa tokko kamisa kaleessaa Madda Oduu Rooyitersitti himan.

Ji’a darbe dubbii himtuun Fandii Maallaqa Idil Addunyaa Juulii Kozaak akka beeksaniitti sagantaa Liqaa biyyoonni dhiyyeeffatan irratti marii taasiisuuf gareen hojjettoota dhaabbaticha gara biyyoota Gaanfa Afiriikaatti akka ergaman himaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa haaroomsaaf jecha liqii doolaara biiliyoona 3.5 Fandii Maallaqa Idil Addunyaarraa liqeeffachuuf gaaffii dhiyyeessuu ishee maddeen dhimmicha keessa beekan Sadii ji’a Mudee darbe keessa Riyooteersitti himaniiru. Fandiin maallaqa Idil Addunyaas hojjettoonni isaa ergamaaf Itiyoophiyaa akka jiran mirkaneesseera.

Hojjeetoonni ergama Fandii Maallqa Idil Addunyaa marii ijaarsa haaromsa diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf hanga har’aatti gaggeeffame itti fufsiisuuf torbaan kana mootummaa Itiyoophiyaa waliin mariin ni eegalamas jedhameera. Ji’a Mudee darbe keessa dhaabbanni kilabii paariis kan biyyota liqeessitoota guddatanii akka beeksiisetti Itiyoophiyaan walii galtee biyyoota liqeessitoota biyyoota lamaanii Chaayinaan alatti kafaltii liqaa irra jiru hanga bara 2025tti akka dheeraffamuuf gaafattee osoo hin kaffaliin hafteettu hanga Bitootessa 31 bara 2024 tti Fandiin Maallaqa Idil Addunyaa yoo hin mirkaneessineef biyyaa liqaa kaffaluu dadhabdeen liqaan sun addaan citas jedhamee eeggama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG