Dooniin alaabaa Sigaapoor ofirraa qabu kan maqaa Dali waamamu fe’isa meeshaalee biyya keessaa feeteettu Utubaa riqicha Firaansiis Istoot Kiiy kan laga Pataapikoo irratti argamutti bu’uun ricqichichi guutummaa guuttuutti akka jigu taasiseera. Taateen Kun kan uumame kaleessa halkan akka sa’aatii naannoo kanaatti halkan qixxee sa’aatii 7 fi walakkaa ykn akka lakkoofsa sa’aatii naannoo kanaatti sa’aatii 1 fi walakkaatti yommuu ta’u riqichi kun irra keessaan daandii konkolaattoota Afur wal cinaa deemsiisu dheerina Kiloomeetira 2.5dha. Bakki kunis bakka buufata doonii biyya keessaa Yuunaayitid Isteetsi gurguddoo biyya keessaa qabdu keessaa isa tokkodha.
Wayita balaan kun dhaqqabuttis namoonni Konkolaataan daandii riqichaa kanarra imalaa turaniiru jedhamuun gareen baraarsitootaa namoota bishaan keessatti kufan barbaaduutti jiru. Akka Viidiyoon irraa argamuuf yaalamettis wayita balaan dhaqqabetti konkolaattoonni Shan daandii Riqicha kanarra imalaa kan turanii fi namoonni saddet ta’an bishaan kana keessatti kufaniiru jedhameeras.Magaalaa Baatimooritti itti gaafatamaan abbaa taayitaa ittisa balaa Ibiddaa Jamis Walas oduu gabaastootaaf ibsa gabaabaa ganama kennan keessatti barbaacchi namootaa itti fufee jiraachuu ibsanii namoonni lama bishaan keessaa argamuu ibsanii namni tokko miidhaa akka malee miidhamuu himanii gara mana yaalaa geeffamuu himanii nama tokkorrammoo miidhaan homaayyuu akka hin geenye ifoomsaniiru.
Bulchaan Kutaa Meerilaand Wes Moor labsii yero hatattamaa labsamuu ibsanii gareen qabeenya federaalaa bulchiinsa Baayidanirraa ergamu saffisaan bobbaasuf hojjetamaa jiras jedhaniiru. Bulchaan magaalaa Baaltimoor Biraandan Iskoot balaa hin yaadamanedha jechuun yommuu ibsan Komishinarri Poolisii Baaltimoor Riichaard Worlii gama isaaniin balaan kun ta’e jedhamee kan uumame ta’uu waan agarsiisu hin jiru jedhaniiru.
Hooggantoonni Korporeeshinii geejiba Siinaarjii doonii Daalii ibsa baasaniin dooniinichi Utubaa riqicha kanaa keessaa tokkotti bu’uu fi Paayileetoota lama doonicharra turanii fi gareen hojjettoota doonicharra turan 20 irra balaan hin geenye jedhanii garuu balaa dhaqqabef itti gaafatamu jedheniiru. Dooniin Daalii kun dherina Meetira 48 fi bal’ina meetira 300 qabas jedhameera. Kontiinarri dooniin kun fe’attee jirtu gara Siriilaankaatti geejibsiifamaa kan tures ta’uu beekameera.
Paayileetoonni Doonichaa wayita balaan kun uumamutti waamicha lubbuu baraaruu kan yeroo balaan uumamuu taasifamu raawwachuu isaanii mirkaneeffanneerra jedhaniiru bulchaan kutaa Meeriiland. Gareen hojjettoota doonichaa rakkoo Aannisa isaan mudachuu ifoomsuu isaanii beekneerra kan jedhan bulchaan Kutaa Meeriilaand Wees Moore osoo utubaa Riqichicha baatutti hin bu’iin dura dooniin kun aannisaa akka hin qabnes mirkaneeffanneerra jedhanii, akeekkachiisa gareen hojjettoota kanaa kennaniin qondaaltonni geejjibaa daandii guddaa naannoolee kanarra qaxxaamuranii akka dhaabsiisan taasifamuu isaatiin lubbuun namoota baay’ee akka oolu taasifameera. Namoonni kun gootota jechuunis ibsaniiru.
Waayit Haawuus gama isaan wa’ee balaa dhaqqabeerratti Pireziindaati Joo Baayideeniif ibsi kennamuu ibsee guyyaa guutuus odeeffannoowan haaraa dhimmi kanaan wal qabatan irratti quba ni qaabaatu jedheera.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen ibsa kennaniin bulchiinsi isaanii qabeenyaa federaalaan bakka balaan suukkaneessaa fi rifaasisaa kun itti qaqqabetti bobbaafamuun akka gargaarsa lubbuu baraaruu taasisaniif qajeelfamni kennameera jedhaniiru.
Forum