Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Enyuummaan isaanii hin Beekamiin Gambeellaatti Imaltoota irratti Tarkaanfii fudhataniin lubbuun namoota shanii darbe


FAAYILII - Magaala Gaambeellaa, Naannoo Gaambeellaa
FAAYILII - Magaala Gaambeellaa, Naannoo Gaambeellaa

Gaafa Bitootessa 18 bara 2016 A.L.I tti magaalaa Gaambeellaarraa gara Godina

Nuweriitti Awutoobisii deeddeebisa Uuummataa irratti hidhattoonni eenyumaan

isaanii hin beekmaneen tarkaanfii fudhataniin lubbuun anmootaa darbauu

jiraattoonni naannichaa sagalee Ameerikaatti himaniiru.Namni maqaan isaanii

akka himamu hin feene tokko sagalee Ameerikaatti akka himanitti taateen kun

kan raawwatame magaalaa Gaambeellaarraa fageenya Kiloometirii 50 irratti

ta’uu himaniiru.

Hoogganaan Hospitaala sadarkaa jalqabaa Obbo Roon Gony

sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoonni balaan kanaan walumaagalatti

shan du’uu fi 36 ammoo madaa’uu isaanii dhaqqabuu mirkaneessaniiru.

Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatti kan dame Gambeellaatti hoogganaa

kan ta’an Obbo Abel Adaanee rakkoon qaqqabuu fi lubbuun namootaa darbuu

qauba qabna jedhanii qorannoo dabalataa taasiisaa jiraachuu sagalee

Ameerikaatti himaniiru jechuun Finfinneerraa Gabiremikaa’eel GebireMedihiniitu

gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG