Jeequmsa Naannoo Amaaraa keessa jiruun wal qabatee namoonni labsii yeroo
muddamaan to’annoo jala oolfamaniiran 14 har’a bitootessa 20 bara 2016 yeroo
jalqabaaf mana murtii Federaaalaa olaanaatti dhiyyaataniiru. Namoota har’a mana murtiitti dhiyaatan keessatti miseensa mana maree bakka bu’oota
Uummataa Federaalaa kan turan Obbo Kiristiyaan Taaddelee, miseensa mana
maree naannoo Amaaraa kan turan Obbo Yohaannis Buwaayaaleew fi miseensa
mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan turan Dr. Kaasaa Tashaager
keessatti argamu.
Shakkamtoonni mana murtiitti kan dhiyyaatan waamichi himannaa Abbaa
alangaan irratti banameeru isaan qaqqabuu Abukaatoo himatamtootaa keessaa
tokko kan ta’an Obbo Solomoon Gazzaaheenyi Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Himannaan shakkamtoota irratti banameeru ganama kana isaan waan qaqqabeef
akkasumas Abukaatoowwan isaanii himanicha hin dubvbisne waan ta;eef har’a
himannaan isaanii dhaddacha mana murtii ol aanaa Federaalaa irratti hin
dubbisamnes jedhaniiru Obbo Solomoon. Sababii kanaafis manni murtichaa
beellama biraa gaafa Bitootessa 27 bara 2016 tti qabateeras jedhaniiru Obbo
Solomoon .
Himanichi hin dubbifamiiniyyuu malee, sanadni himannaa abukaatowwan
shakkamtootaa fi shakkamtoota qaaqqabe akka agarsiisuutti Himannaa 1ffaa
jalatti himatamtoonni hundinuu seera Yakkaa Bara 1996 ba’e Keeyyata 32, 35 fi
38 akkasumas Seera Yakkoota shororkeessummaa Itisuuf ba’ee fi Labsii lakkoofsa
1176/2012 Keeyyata 3/2 jala murtoowwan jiran darbaniiru kan jedhudha.Yakkoota Himannichaa jalattis , himatamtoonni , Uummanni Amaaraa biyyi jalaa
fudhatameera, Lafti isaa saamameera, Biyyi Yaada Amaaraatii fi hambaalee
Amaaraatiin qofa hin bulle ejjennoowwan jedhan qabachuun Qabeenyota lafa
Amaaraati kan jedhan humna waraanaan deebiisuu fi Biyyi Yaada Amaaraan qofa
buluu qabdi walii galteejedhurra ga’aniiru kanneen jedhan caqasamaniiru.
Kanaafis Tarkaanfii humnaan bulchiinsoota naannoo to’achuu, deemsa keessa
bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa humnaan aangoorraa fonqolchuun
aangoo naannichaa dhuunfachuu, itti aanees Mootummaa Federaalaa humnaan
gara waliin dubbiitti fiduu , yoo waliin dubbiif eeyyamamaa hin taanemmoo
humnaan aangoorraa buusuu kan jedhuu fi hojiirra oolmaa isaafis hojiirra akka
turan himanichi ibsa.
Miseensota mana maree bakka bu’oota kan turaniin alattis galmee himanicharra
miseensa hooggansa Paartii Izeemaa kan ta’an Dr. Caannee Kebbedee dabalatee
warra qabsoo hidhannootti jiran Zammanee Kaasee fi Iskindir Naggaa walumaa
gala namoonni 52 galmee himannaa kana keessatti akka argamanii fi warra
to’annaa jala hin oolle Poolisiin to’atee akka dhiyyeessu manni murtii ajaja
kenneera jechuun abukootaawwan shakkamtootaa sagalee Ameerikaatti
himaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gaabase.
Forum