Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Kan Biyya Ishee Keessaa Biyyattii Akka Gad Dhiisan Ajajuu Beeksiste


Somaaliyaan Ambaasaddara Itiyoophiyaa Kamisa har’aa biyya ishee keessaa baasuun, waajjiraalee Qontsilaa lama kan Puuntilaandii fi Somaaliiland keessa jiranis cufuu beeksifte.

Ministirri haajaa alaa Somaaliyaa ibsa baaseen Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaddar Mukataar Mohaammad fi hojjettoonni Imbaasichaa sa’aatiiwwan 72 keessatti Moqaadishoo gadhiisanii akka bahan ajajni kennamuu kan mirkaneesse yommuu ta’u Ministirri Odeeffannoo biyyattii Daawud Awees Jamaa immoo sagalee Ameerikaa Afaan Somaaliif deebii kennaniin murtoon kun kan kenname “Itiyoophiyaan dhimma keessoo Somaaliyaa keessa galuu waan itti fufteefi “ jedhaniiru.

Murtoon Somaaliyaan Ambaasaddara Itiyoophiyaa biyya ishee keessaa baasuu kan dhaga’ame erga Jilli Puuntilaand kan torbaan darbe mootummaa Federaalaa Somaaliyaas beekmtii kennuu addaan kuteera jedhee beeksifate Roobii kaleessaa Finnfinnee seenuun dhaga’amee fi erga mootummaa Itiyoophiyaa waliin tumsa waliif taasisuu mallatteessuun dhaga’ameen booda.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadilaa dhimma kanarratti bilbilaan Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin “Oduu kana miidiyaalee hawwaasaarraa kan argineen alatti mootummaa Itiyoophiyaa waanti beeksifame hin jiru jedhanii , daawwannan qondaaltoota Puuntilaand garuu walitti dhufeenya isaan Somaaliyaa waliin qaban yaada keessa kan galche miti “ jedhaniiru.

Biyyi hulaa galaanaa hin qabne Itiyoophiyaan Gaafa Amajjii 1 bara 2024 walii galtee wal hubannaa kan hulaa galaanaa ishee fayyaadchiisu Somaaleelandi kan bara 1991 Somaalee ishee Moqaadishoorraa addaan cittee ofiin of bulchaa jirtu waliin erga mallatteessiteen booda Moqaadishoon Ambaasaddara ishee Finfinnee jiru kan baaste yommuu ta’u , JIi’a Guraandhaalaa dabarsine keessammoo Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasaan Sheeyik Mohaammad Itiyoophiyaan walii galte kana kan itti fuftu yoo ta’e Biyyi isaanii Somaaliyaan ofirraa ittisti jedhanii ture.

Itiyoophiyaan buufata humna galaanaa Somaalee laanditti dhaabuu akka barbaaddu ibsuun, Somaalii Landiifis akka biyyaatti beekamtii kennuu akka dandeessu dhiyyeessuu hordofee Somaaliyaa gama Moqaadishooraa mormii kan kakaase yoo ta’u walii galteen kun Gaanfa Afiriikaa daran tasgabbii dhabsiisuu danda’a sodaan jedhus kana hordofee bal’inaan ka’aa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG