Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finoota Salaam Keessatti Haleellaan Boombii Barattoota 20 ol Miidhe


Manan baruumsaa magaala Finoota Salaam keessa jiru tokko irratti hleellaa boombii dhaqqabeen, barattoota 25 irratti miidhaan salphaa fi hamaan ga’u,mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa ibsee jira.

Bakka bu’aan Hojii gaggeessaa Hoospiitaala Finoota Salaam ta’u isaanii sagalee Amerikaatti kan himan Obbo Almaaw Dastaa akka jedhanti Kamiisa kaleessaa waaree booda barattonni haleellaa boombii irra ga’e mooraauuma sana keessatti wal’ansii yaalaa taasifamuufii ibsan. Haleellaa kana ilaalchisee mootummaan bulchiinsa naannoo Sanaa ibsa barreeffamaan baaseen Daree keessatti barattoota qormaata fudhachaa turan irratti boombii harkaa darbatameen barattoota 25 irratti midhaan dhaqqabu ibsee jira.

Haleellaa kanaafis itti gaafatamaa kan ta’e finxaaleeyyi jechuun kan waamee garee Faannooti jedhee jira. Komishiniin mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa magaalaalee bulchiinsa naannoo Amaaraa fi naannoo isaatti humnootii mootummaa fi hidhattoota Faannoo giddutti walitti bu’iinsa itti fufee jiruun lubbuun namoota nagaa balaaf saaxilamuu yeroo adda addaatti ibsa baaseen hubachiisaa tureera.

Xumuura baatii Saadaasa waggaa kanaatti ibsa baaseen walitti bu’iinsa hidhannoo gaggeeffaman lubbuu namoota nagaa fi qabeenyaa akkasumas, bu’uura misooma uummataa fi dhaabattoota tajaajiila kennan qiyyaafata haleellaa ta’uun isaanii jabeessee balaaleeffachuu isaa ni yaadatama jechuun Asteer Misgaanaaw Gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG