Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Paartii Siyaasaa Itiyoophiyaa Mana Hidhaa Jiran Nyaata Lagachuun Mormiitti Jiru


FAAYILII - Magaala Finfinnee
FAAYILII - Magaala Finfinnee

Hoggantoonni dhaaba siyaasaa Ityoophiyaa mana hidhaa jiran nyaataa lagachuudhaan mormii isaanii ibsanii jiru. Namoottan ji’a Muddee darbe keessa “hiriiraa farra walwaraansaa qindeesaa jiru” jedhamanii too’annoo jalaa olfamanaan Sadii fi dura taa’aan Paartii mormitootaa Paartii Waraaqsa ummata Ityiiopphyaa ykn EPRP jedhamee Beekamuu Zinaabuu Abarraa dabalatee, namoottan manaa hidhaa kessa jiran guyyaa kaleessaa tarkaanfii nyaataa lagannaa taasisuudhaan haqi akka issniif kennamu gaafachaa jiraachuun isaanii beekameera.

Hoggaana itti anaa Paartii Waraaqsaa ummata Ityoophiyaa kan ta’an Obbo Abraham Yayimaanot akka VOA ti himanitti namoottan mana hidhaa keessa jiran kun yeroo jalqabaatiif Bitootessaa 27 mana murtiitti dhihaatanii, abbaan murtii gaaffii guyyaa qorannoo dabalataa Poolisiin dhiheesse fudhchuudhaan guyyoottan dabalataa 10fi akka manaa hidhaa turan murteessera. Haa ta’u malee guyyaa beellama isaaniitti poolisiin mana murtiitti deebisee ittu hin dhiheessin jira.

Haaluma walqabateen namoottan labsii yeroo atattamaa naannoo Amaaratiin walqabatee mana hidhaa keessa jiran, obbo Kirstaan Taadele, Yohaanis Buwaayaaleewu fi Kaasaa Teshaager erga hidhamanii ji’a torba keessatti yeroo sadaffaadhaaf guyyaa har’aa mana murtiitti dhihaachuu isaanii Kenedii Abaatee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG