Lammileen Itiyoophiyaa 38 galaana keesatti dhidhimuu isaanii jaarmiyaan dhimmaa godaantotaa beeksisee jira. Dhaabbata mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimma godaantotaa/ IOM akka ibsetti, namoottan lammii Ityoophiyaa ta’an galaana irraan ittu gara Yemenitti sokkaa jiranii bidiruun isaanii dhidhimtee 38 du’anii, lubbuu namoottan 22 immoo baraaruun danda’ameeraa.
Jibuutiin lammilee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa warren gara Yemenitti karaa seeraan alaa imalan kuma kudhaniin lakkawamanuuf ka’uumsaa akka taate kan ibse IOM, namoottan bidiruu sana irraa turan biroo jahaa barbaadamaa akka jiran eeree jira.
Namoonni kun kan du’an Kaaba baha Jibutii daagaa galaanaa bakka Gadoriyaa jedhamu irratti akka ta’e Embaasiin Ityoophiyaa Jibutiitti argamuu itti dabalaan mirkaneessee jira.
Dhimmaa kana irratti sagalee Amerikaatiif ibsa kan kennaan dubbi himaan ministeraa dhimmaa alaa Ityoophiyaa Nebiyyuu Tedilaa, mootummaan namoottan kuma 60 ta’an biyaa Sa’udii irraa deebisuudhaaf yemmuu hojjachaa jirutti balaan kun qaqqabuu isaa ibsanii, lammiileen biyyatti karaa seeraan alaatiin akka imala gara biyyaa alaatti hin taasifnee gaafachuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.
Forum