Manni Marii walii galaa dhimmootii Islaamummaa naannoo Amaaraa keessatti irra deddeebi’uun haleellaa musliimota irraa ga’u cimsee balaaleffateera.
Barreessaan mana maree walii galaa Shehk Hamiid Musaa Sagalee Ameerikaaf akka himanitti, Dilbata Bitootessa 29 bara 2016 galgala magaalaa Baahirdaar ganda 14 keessatti salaata galgalaa-tii deebi’aa kanneen turan miseensota maatii tokkoo dabalatee namoota hin beekamneen ajjeechaan namoota shan irratti raawwate hordoftoota amantichaa irratti kan fuuleffate jedhanii, naannoo Amaaraa magaalaalee adda addaa keessatti hawaasa musliimaa irratti miidhaa raawwate jedhan balaaleffatanii jiru jedhan.
Xumura torban darbee magaalaan haleellaan kun keessatti raawwatame Baahirdaar keessatti ayyaani ID Al-Faxiir kummi 1 fi 445ffaan nagaa dhaan kabajamuu jiraataan magaalaa Baahirdaar Se’aad Gebeyehu ibsaniiru.
Prezidaantiin mana marii walii galaa kan dhimmootii Islaamummaa Shekh Haj Ibraahim Tufaa, naannoo sana keessatti hordoftoota amantii musliimaa irratti ajjeechaa raawwatamaa jira jedhan hojii shororkaa ti jechuun yakkaniiru. Finxaaleyyii fi kashlabboota yakkamtoota ta’an irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatu illee gaafataniiru.
Har’a Istaadiyemii mgaalaa Baahirdaar keessatti ayyaana kabajame kana irratti kan argame dargaggoo Ismaa’el Maaruu, daandii irratti hordoftoonni amantii kiristiyaanaa kabajaa isaan agarsiisan jedhe ajaa’iffateera jechuu dhaan naannoo Amaaraatti ayyaanni ID nagaan xumurameera jechuu dhaan Aster Misganaw gabaasteetti.
Forum