Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Hadiyyaa Keessatti Dargaggoonni Hawaasa Daanxaa Hidhamanii Turan Wabiidhaan Gad-dhiisaman


Giddu gala Itiyoophiyaa godina Haadiyyaa aanaa Soroo keessatti Guraandhala 30 bara 2016 dargaggoonni akkasumaan qabamanii hidhaman 14 hiikamuu isaanii maatiiwwan isaanii fi jiraattonni dubbataniiru. Himannaan utuu irratti hin dhiyaatin ji’a tokkoof kan hidhaman dargaggoonni kun tokkoon tokkoon isaanii wabii qarshii kuma 20n gad dhiisamuu isaanii haala isaanii itti dhiyeenyaan kan hordofaa turan gaaffii hawaasa Daanxaa kaasuun kan beekaman namni obbo Abebee Adeeloo jedhaman ibsaniiru. Ijaarsa waldaa misooma Daanxaa irratti hirmaachu isaanii akkasumas eenyummaa isaaniin adda baafamanii himannaan irratti dhiyaate jedhan.

Bulchaa aanaa Soroo kan ta’an obbo Destaa Detooroo, dargaggoonni kun yakkaan shakkamanii hidhamuu isaanii Sagalee Ameerikaaf ibsanii turan. Ijaarsa waldaa misoomaa keessatti hirmaachuu isaaniif gaaffii eenyummaa kaasuu isaaniif jecha sana ukkaamsuuf utuu hin taane, yakkaan shakkamaniiti jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Dargaggoonni kun Ebala 9tti beellamni kennamuu isaaf hiriira eeyama hin qabne geggeessuu dhaan keeyata seera yakkaa 484 irra daddarbuu dhaan shakkamuu isaanii fi waraqaan himannaa tokko iyyuu kan isaan hin dhaqqabne ta’uu dargaggoota hiikaman keessaa tokko dubbatee jira jechuu dhaan Yonaatan Zebidiwoos gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG