Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wellisaa Beekamaa fi Boodarra Faarfataa Amantii Kan Ture Muluqen Mellesee Du’aan Boqote


Wellisaa Muluqen Mellesee
Wellisaa Muluqen Mellesee

Muluqen Mellesee dhibee isa mudateef wal’aansa fayyaa hordofaa erga turee booda umurii isaa waggaa 69tti kaleessa du’aan addunyaa kana irraa boqochuu isaa miseensi maatii isaa Sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.

Muluqen hanga lubbuun isaa darbutti waggoota 40n darbaniif kutaa Yunaayitid Isteetis Verjiijiyaa keessa jiraataa ture. Bara 1946 Goojjam aanaa Anedaad bakka Kidaane Mihiret jedhamutti kan dhalate Muluqen, waggaa ja’a ennaa guutu eessuma isaa waliin Finfinnee dhaquu isaa barruun seenaa isaa ni ibsa.

Umurii isaa waggaa 12tti mana sirba halkanii fi garee muuziqaa adda addaa keessatti sirbuu kan jalqabe Muluqen, waggoota lamaaf mana sirbaa halkanii keessatti sirbaa erga turee booda bara 1960 Poolis Orkeestiraatti makame. Muluqen booda sirba dhiisuu dhaan gara waldaa kirstiyaanaatti dhufe.

Gaaffii fi deebii sabaa himaa tokko waliin geggeesseen Muluqen hiriyaa isaa isa dura gara Waldaa kiristaanaatti makame waliin gara waldaa dhaquu dhaan bara 1980 keessa waldaa Meserete Kiristoos jedhamu dhaquu dhaan gara amantii kanaatti dhufee achumaan utuu adda hin kutin hamma lubbuun isaa addunyaa kana irraa du’aan boqotutti amantii warra wangeelaa hordofaa kan ture ta’uu seenaa isaa irraa hubachuun danda’ameera.

Amantii kiristiyaanaa hordofuunis faarfannaa hafuuraa maxxansiisee gurra dhaggeeffattootaan ga’ee jira

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG