Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoota fi Miseensota Paartilee Siyaasaa Mormituu Hidhuu fi Dararuun Akka Dhaabatu Paartileen Mormitootaa Afur Gaafatan


FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 4, 2020
FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 4, 2020

Paartileen siyaasaa mormituu waliin hojjetan kan Itiyoophiyaa keessa socha’an Afur dhaaba tokkummaa Itiyoophiyaa , paartii warraaqsa uummata Itiyoophiyaa, paartii sochii Giyoonaawwii Amhaaraa fi Paartii Innaat waliin ta’uun ibsa baasaniin hidhaan fi hiraarsi hooggantootaa fi miseensota isaaniirratti raawwata jiraachuu ibsaniiru. Ibsa isaanii keessattis yeroo ammaa hojimaataa fi seerarraa karaa kaateen , akkasumas karaa itti gaafatamummaa hin qabnee fi sababni isaa karaa hin beekamneen hooggantoonni fi miseensonni paartilee mormitootaa manneen hidhaa seeraan hin beekamnetti hidhamuu fi haqa dhabaniirus jedhaniiru.

Dura taa’aan paartii waraaqsa uummata Itiyoophiyaa obbo Zinaabuu Abarraa fi paartii tokkummaa Itiyoophiyaatti qindeessaa gidduu galeessaa kan ta’an obbo Caaniyaaleew Zeyyedee ammayyuu hidhaarra akka jiranis ibsichi eereera.

Mata duree wal waraansi haa dhaabbatu jedhuun hiriira nagaa warra qopheessaa turan gaafa sadaasa 27 bara 2016 A.L .I tti to’ataman Itti aanaa dura taa’aa paartii warraaqsa uummata Itiyoophiyaa obbo Meggabee Biluuy dabalatee ammayyuu mana hidhaa Awwaash Arbaatti argamus jedhaniiru.

Dhimma kana ilaalchisuun deebii gama mootummaan jiru argachuuf bilbila harkaa ministira Komuunikeeshinii Itiyoophiyaa Dr. Leggesee Tulluurratti bilbilus hin ka’u jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG