Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaarraa Liqii Baraarsaa Argachuu Dura Gatii Sharafa Maallaqa Ishee  Guddaa Hir’isuu Qabdi:Xiinxaltoota


Itoophiyaan liqii baraarsaa Dhaabbata Maallaqa addunyaa (IMF) kan torbee darbe aanga’oota waliin waliigaltee baay’ee barbaachisu irra osoo hin ga’in biyyaa ba’e irraa argachuuf, gatii sharafa maallaqaa guddaa hir’isuu irratti daftee murteessuu qabdi jedhameera.

Biyyi Afrikaa Bahaa baay'ina ummataa qabdu Itiyoophiyaan, duraanuu qaala'iinsa jireenyaa olaanaa waliin qabsaa'aa kan jirtu yoo ta’u, waggoota hamma kanaa keessatti, mootummoota Afrikaa hanga Muddeetti liqaa ishee hin baafne ishee sadaffaa taateetti.

Itoophiyaan bara 2020 irraa eegalee maallaqa IMF tokkollee kan hin arganne yoo ta’u, tartiibii liqii maallaqaa argachuuf dhaabaticha waliin qabdu yeroo dhumaaf bara 2021 karaa irraa maqee.Mootummaan federaalaa fi hidhattonni biyyatti gama kaabaa dhuma bara 2022tti waliigaltee mallatteessanii waraana biyya keessaa waggaa lamaaf ture xumuran.

IMF daawwannaa isaa yeroo dhiyoo Itiyoophoyaatti gaggeesseen, jijjiiramnii argameera jedhe, deeggarsa isaaf haaromsi maallaqaa barbaachisaa ta’uu hin dubbanne.

IMF daawwannaa isaa yeroo dhiyootti guddinni argameera jedhe, garu deeggarsa isaa kennuuf, haaromsi sharafa maallaqaa barbaachisaa ta’uu hin dubbanne. Itiyoophiyaan IMF irraa deeggarsa doolaara biiliyoona 3.5 gaafachuu ishee maddeen bara darbe Rooyitarsiif himan.

Hanqinni sharafa maallaqa alaa yeroo dheeraa fi sharafni ciminaan to’atame gabaan seeraan alaa Balck Market jedhamuun waamamuu akka dagaagu taasisee yeroo ammaa Doolaara Amerikaa tokkoo qarshii 117 hanga 120 gidduu sharafama. Garu karaa seera qabeessaan Doolaarri tokko naannoo Qarshii 56.7tti sharafama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG