Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Itiyoophiyaa Saawudii Arabiyaa Keessatti Rakkataa Turan Keessaa Dhibba Saddeettii Ol Har’a Biyyatti Deebi’an


FAAYILII - Lammiiwwan Itoophiyaa Saudii Arabiyaa dha deebi'an, Muddee 10, 2013.
FAAYILII - Lammiiwwan Itoophiyaa Saudii Arabiyaa dha deebi'an, Muddee 10, 2013.

Lammileen Itiyoophiyaa biyyya Sa’ud Arabiyaa mannoottan hidhaa fi quubsamaawan adda addaa keessa turan gara biyyaatti deebisuun guyyaa har’aa Ebila 4 bara 2016 jalqabee jira. Akumma kanaan jimaata har’aa balalii xiyyaaraa lamaan namoonii 842 finfinnee galuun isaanii beekameera.

Namoottan sagaleen Amerikaa buufata xiyyaaraa Booleetti haasofsiisee, gara Sa’udiitti yemmuu imalan, namoonni heduun ajeefamuu isaanii fi kan achi gahan immoo mana hidhaa adda addaa keessa galfamuu isaanii ibsanii jiru. Dubbii himaan ministeera dhimma alaa mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tedilaa kana boodee Torbaniitti balalii xiyyaaraa 12 taasisuudhaan baqattoota kuma 70 ji’oottan Afuran dhufan keessatti mana hidhaa Sa’udii keessa akka gara biyyaatti deebifaman ibsaniiru.

Bulchiinsa naannoowanii wajjin ta’uudhaan hojiin namoottan biyyaati deebi’an kana deebisanii dhaabuu akka hojjatamus obbo Nabiyuu Tedilaa dabalanii Ibsuu isaanii Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG