Atileetiin Itiyoophiyaa fageenya Meetira 3000’n dorgomuun beekamtu Zarfee Wandimaageeny qorannoo taasifameen dhiiga ishee keessatti qabiyyeen qorichoota dhorkan lamaa waan argameef waggoota Shaniif dorgommii Atileetiksiirraa dhorkamteetti.
Atileet Zarfee Wandimaageeny seera qoricha dhorkamanii cabsuu ishee erga samudaa isheen kenniterratti mallattoon Testostiroonii fi waan biraa EPO jedhamu kan dhiigni Atileetootaa Oksijinii dabalataa akka deddeebisu gargaaruu danda’u erga argamee fi isheenis erga fudhachuu amanuu ishee hordofee Wiixata har’aa Kutaan qulqullina Atileetiksii murtoo kan dabarse. Qorichoonni dhorkaman kunneenis qaama ishee keessatti kan argaman sagantaa Hangariitti qophee’eerratti hirmaachuuf yommuu garasitti imaltee jirtuttidhas jedhameera.
Atileet Zarfee Wandimaageeny Olompikii Tookiyoo bara 2021 irratti sadarkaa Saddettaffaa , akkasumasa dorgommii Shaampiyoona Addunyaa bara 2023 Budaapestitti taasifameen sadarkaa 4ffaa ba’uun kan xumurteettudha
Forum