Dhaddachi himannaa Pireezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp Wiixata har’aa dhaga’amuu jalqabee jiru gara sadarkaa haaraatti cee’aa jira. Gama biraatiinimmoo Pirezidaant Joo Baayideen Kibxata dhufu kana gara Tampaa Filooriidaatti imaluun waa’ee mirga wal hormaataarratti dubbachuun duula na filadhaa taasiisuuf jiru. Gabaasa Veeroniikaa Balderaas Igileesiyaas Sagalee Ameerikaaf ergite Tujubee Horaa to dhiyyeessiti.
Forum